Namoota maqaa guddaa Afrikaan bara 2020 keessa dhabde

Namoota bebbeekamoo Afrikaa bara 2020 keessa du'an

Madda suuraa, Various

Barri 2020 goolabamaa wayita jirutti gabaasa kanaan namoota Afrikaa beekamoo bara kana keessa darban yaadanna.

Dameewwan kubbaa miilaa, Saayinsii, Muuzikaa, bizinasa, oogummaa fayyaa, siyaasa, Aktivizimii fi aartiin namoota duutii isaanii Afrikaa keessatti yaadatamu duraa duubaan.

Short presentational grey line

Duuti isaa dhiibbaa guddaa kan uume: Haacaaluu Hundeessaa, 34

Ji'a jahan har'aa kan ajjeefame Art. Haacaaluu Hundeessaa, namoota bebbeekamoo ardii Afrikaa bara 2020 keessa duuti isaanii dhiibbaa guddaa uume keessaa tokko.

Dheekkamsaa fi hokkora ajjeefamuu isaa hordofee dhalateen namootni 160 ta'an du'aniiru.

Jawaar Mohaammad dabalatee hoogganoonni dhaabbilee mormituu hedduunis shororkeessummaafi kaaniin himatamanii hidhamaniiru.

Mallattoo qabsoo waggoota dhufaatii MM Abiy Ahimad dura turanii kan ta'eefi mirga Oromoof weelluu, geerarsa fi hidhamuunis qabsaa'aa kan ture Art. Haacaaluu Hundeessaa ajjeefamuun isaa qalbii jaallattootaan yaadatama.

Haacaaluu Hundeessaa

Kubbaa Miilaa: Paappaa Bo'uubaa Diyoop, 42

Taphataan Kubbaa Miilaa biyya Senegaala Paappaa Diyoop yeroo dheeraaf dhukkubsachaa erga turee booda Sadaasa darbe umrii isaa ganna 42'tti aaddunyaa kanarraa boqoteera.

Diyoop bara 2002'tti waancaa addunyaa biyyi isaa yeroo duraaf nuusa xumuraa geesse irrattii galchii Firaans irratti lakkofsisee ittiin injifataniin yaadatama. Ergasii biyyi Afrikaa nuusa xumuraa gahe hin jiru.

Diyoop kilaboota akka Fuulhaam, Weestihaam, Barmiingihaam, Poortismaawuuziifi kilaba Firaans Leensiif taphateera.

Paappaa Diyoop

Madda suuraa, Getty Images

Saayinsii: Giitaa Raamjee, 63

Saayintistiin Afrikaa Kibbaa Ugaandaatti dhalattee Giitaa Raamjee rakkoo fayyaa dhibee Covid-19 waliin walqabateen lubbuun ishee darbe.

Saayintistiin kun dubartoota saalqunnamtiin jireenya gaggeefatan irrattii HIV'n akka hin tamsaane ittisuurratti qorannoo gagageesiteen beekamti. Hojii isaheefis waggaa lama dura badhaasa Female Scientist Award dhaabbata Awrooppaa tokkorraa argatteetti.

Gita Ramjee

Madda suuraa, Aurum Institute

Muuziqaa: Maanuu Dibaangoo, 86

Namni Muuziqaa lammii Kaameruun Maanuu Dibaangoos baruma kana keessa dhibee Covid-19'n lubbuun isaa dabarte.

Weeelluu bara 1972 baase 'Soul Makoss'a jedhamuun beekamtii guddaa horate.

Bara 2009 ammoo Maayikil Jaaksan aalbama isaa Thriller jedhamu keessattii wallee isaa lama jalaa fudhachuu mana murtiitti himatee ture.

Maanuu Dibaangoo

Madda suuraa, AFP

Nama kanaan alattis Afrikaan bara 2020 keessa ogeeyyii Muuziqaa beekamoo hedduu du'aan dhabdeetti.

Biizinasa: Riichaard Mapoonyaa, 99

Riichaard Mapoonyaan nama biizinasaa Afrikaa Kibbaa bara Apaartaayidii hojii gurgurtaa shaqaxaa xixxiqqoo dhiibbaa sirnichaa dandamachuun eegale ta'uun beekama.

Soweetoo magaala gurraachotni itti heddummaatan keessatti nama jalqaba konkolaataa BMW gurguuruu eegaledha. Mooliilele qaba.

Riichard Mapoonya

Madda suuraa, Getty Images

Fayyaa: Hawaa Abdii, 73

Hakiimaa fi quuqamtuun mirgaa Hawaa Abdii kan bara Hagayya darbe du'aan boqotte 'Maazar Tereezaa Somaaliyaa' jedhamuun beekamti.

Bara 2011'tti naannoo Shabeeleetti hidhattoota Alshabaabiin haleelamu falmaatteetti. Dubartootni hedduun mormii dhageessisuu isaaniin gareen kun naannicha gadhiisee baheera.

Muraasa kaasanii yaadachuuf malee bara xumuramaa jiru kana keessa hakiimonni bebbeekamoon hedduun Afrikaa du'aniiru.

Siyaasa: Daani'eel araap Mo'ii, 95

Siyaasa Keeniyaa keessatti waggoota 25 oliif ooliif dhiibbaa guddaa qabaachaa kan turan Pireesidantiin duranii biyyattii Daani'eel Araap Moo'i Guraandhala darbe addunyaa kanarraa boqotan.

Bara 1978-2002'tti pireezidantii Keeniyaa turan.

Daani'eel arp Moo'i

Madda suuraa, Getty Images

Pireezidantiin duraanii Gaanaa Jeeriy Raawliing , kan Masrii Hoosnii Mubaarak, kan Buruundii Piyeer Boyooyaafi kaaniis biroonis bara kana keessa du'aniiru.

Duula farra Apaartaayidii: Zindizii Mandeellaa, 59

Inatallii Pireezidantii gurraacha jalqabaa Afrikaa Kibbaa Zindizii Mandeellaa kan Deenmaarkitti Ambaasaaddara Afrikaa Kibbaa turte baruma kana keessa dhibee Covid-19'n duute.

Zindiziin bara qabsoon farra Apaartaayidii akkaan finiineefi abbaan ishee Maandeellaan odola Ruubanitti hidhaman rakkoo hedduu keessa guddatte.

Zindzi Mandela wearing boxing gloves given to her father by the World Heavyweight Boxing Champion Mike Tyson as a present for his 70th birthday in 16 July 1988 in Soweto

Madda suuraa, AFP

Aartii: Nikitaa Peerl Waligiwaa, 15

Taatuun daa'immanni gannaa 15 Ugaandaa Nikitaa Peerl dhibee 'brain tumour' jedhamuun addunyaa kanarraa du'aan boqotte.

Bara 2016 yaala jalqabaa argattus bara 2019'tti ammas rakkoon walfakkaatu ishee mudatee du'uu isheef sababa ta'eera.

A photo of Nikita Pearl Waligwa at her funeral

Gama Artiinis Afrikaan ogeeyyi salphaa hin jedhamne bara 2020 keessa dhabdeetti.

Rogeettii: Liinaa Been Miheenii, 36

Rogeettifi falmituun mirga namaa lammii Tuuniziyaa rakkoo fayyaa qabduun(lupus) dararamaa erga turtee booda baruma kana keessa lubbuun ishee dabarte.

Rogeettiin kun bara warraaqsi biyyoota Arabaa Tuniziyaattis dhohe dubartoota qabsoof kakaasuun beekamtii argatte

Human rights defender, internet-activist and blogger Lina Ben Mhenni

Madda suuraa, Getty Images