Koronaavaayrasi: Faransaay akaakuu haaraa kan jalqabaa agarte

Hojjataa fayyaa saamuda qabatee jiru, Farnsaay keessaa Onkololeessa, 2020.

Madda suuraa, Reuters

Faransaay akaakuu koronaavayirasii saffisaan daddarbuufi kan dhiheenya UK keessatti mul'atee kan jalqabaa biyyattii keessatti argamu mirkaneessite.

Ministirri Fayyaa Faransaay akka jedheetti akaakuun vaayirasii kanaa lammii biyyatti Muddee 19 Landanii deebii'uun jiddugala magaalaa keessatti argame.

Namtichi jedhame kun mallattoo dhukkubbii kan hinqabnee yoo ta'u, ammatti manatti adda of baaseera jedhame.

Akaakuun vaayirasii haaraa UK keessatti mul'achu isaatiin wal qabatee biyyoonni hedduun imala achi dhufu dhorkaniiru.

Faransaay daangaalee ishee cufte kan turte yoo ta'u, garuu ammoo imalaan dura qorannoo kennuun uggurichi Roobii darbe kaafte. Konkolaachiftoonni kumaatamni gara Faransaay qaxxaamuruuf dabaree eeggachaa ayyana Gannoo biyyasaanii konkolaataa keessatti dabarsuuf dirqaman.

Waa'ee vaayirasii haaraa jalqabaa Faransaay waan hinbekne

Ministeerri Fayyaa biyyatti akka jedhetti, vaayirasichi kan barame erga namtichi Muddee 21 hospitaalatti qoratameen booda.

Namtichi vaayirasichaan qabame kunis lammii Faransaay kan UK jiraatu yo ta'u, ammatti nagaadha jechuun malee bal'inaan kan himame hinjiru.

Biyyoonni biraas akaakuu vaayirasiii haaraa kana argamu mirkaneessaa keeessaa, Jaappaan imaltoota UK dhufan shan irratti mulachu Jimaata darbe yoo mirkaneessitu, Deenmaark, Awustiraaliyaafi Netherland keessatti ammoo isa dura gabaafame.

Faransaay torban darbe keessa uggura keessee turte kan kafte yoo ta'u, ugguricha caalaa laaffisuuf ammalleen baayyinni namoota qabamanii haala gahaan hinhirannee jedhee ture mootummaan.

Kana jechunis restoraantiiwwan, manneen dhugaatii, eddoowwan tiyaatiraafi sinimaa fa'i akkuma cufamanitti jiru. Uggurri sa'aa biyyattii guutuu 20:00 to 06:00 akkuma kaa'ameeti jira.

Uggurri sa'aatii jala bultii Gannoofi kan kaafamee ta'ulleen bara haaraatiif garuu akkuma ka'ameetti itti fufa jedhame.

Faransaayiitti erga weerarichi eegaleen as namoonni miliyoona 2.5 Covid-19n qabamu kan mirkanaa'e yoo ta'u, lammiileen 62,000 ammoo lubbudhabaniiru.

Gosti vaayirasii haaraa kun maal?

Akaakuun koronaavaayirasii haraan jalqaba adda kan baafame UK keessatti baatii Fulbaanaatti ture. Kanaafis kan akka sababiitti eeramee weerara vaayirasichaa garmalee Landan, Baha Inglaandiifi Kibba Bahaatti baballataa jiruudha.

Akka tilmaama Waajjira Istastikii Biyyaaleessaa (ONS) UKtti, naannoo kanatti namoota vaayirasichaan qabaman keessaa harki lama sadaffaa ta'an vaayirasii haaraan qabaman jedhe.

Vaayirasii akaakuu haaraa kanaan wal qabatee dhimmoonni sadi waan jiraniif xiyyeeffannaa harkisa.

  • Innis ariitiin vaayirasii duraan bakka bu'aa jira
  • Innis amalawwan vaayirasii tarii baayyee barbaachisaa ta'u malan irratti dhiibbaa taasisa.
  • Amaloonni kunneenis muraasinis kan duraan dandeettii vaayirasiin seelii miidhuuf qabu dabaluuf kan laboraatorii keessatti argameedha.

Wantoonni kunneen hundi walgahuun vaayirasii haaraan kun akka caalaa saffisaan faca'u kan dandeessisu jedha gabaasaan fayyaafi saayinsii BBC Jamsi Gaalaagher.

Haata'u malee, vaayirsii haaraa kun caalaa balaafamaa ta'u saatiif ragaan argame hinjiru. Talaalliin dhiheenya keessa argamanis kanaafis ni hojjatu, jedhu qoratonni.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa