Koronaavaayiras: Gamtaan Awurooppaa uggurri imalaa UK irraa akka ka'u akeekkachiise

Madda suuraa, Talks between the UK and France to find a resoluti
Biyyoonni miseensota Gamtaa Awurooppaa ta'an 27 waa'ee akaakuu koronaavaayirasii haaraa UK keessatti argameen walqabatee imalli biyyattiirraa ugguramuu irratti dubbachuun fala kaa'uuf jedhu.
Komishiniin Gamtaa Awurooppaa biyyoonni sodaa gosa vaayirasii haaraaf jecha uggura imalaa UK irra kaa'an dafanii akka kaasan akeekkachiiseera.
Kan duraanuu koronaavaayirasiin daran hubamtee turte UK'n, erga akaakuun vaayirasichaa haaraan kun ishee mudatee ammoo keessattuu tibbana ayyaana bara haaraa kana moggaatti baafamteetti.
Biyyoonni 50 caalan kanneen UK irraa gara biyyasaaniitti imalan simachuu didaniiru, imalas ugguraniiru. Kanneen keessaa hedduunsaanii biyyoota miseensota Gamtaa Awurooppaati.
Kun daran kan isa yaaddesse gamtichi, biyyoonni uggura kaa'an dhiisanii imala itti fufuu akka qaban dhaameera.
Garuu biyyoonni miseensa gamtichaa waa'ee daangaa isaanii imaammataa fi seera mataasaanii qopheeffachuuf mirga guutuu waan qabaniif murtee isaanii kanaan itti fufuu danda'u.
Haga ammaatti Firaansii fi UK'n gama tajaajila imalaatiin waliigalteerra ga'uutti jiru.
Akaakuun koronaavaayirasii haaraan kun kan duraaniirra daran saffisaan kan tatamsa'uudha, garuu balaafamaa ta'uunsaa ammatti wanti mirkanaa'e hin jiru.
Ammaan tana biyyoonni miseensa Gamtaa Awurooppaa hundinuu imala gara UK fi UK irraa garasaaniitti taasifamu dhaabaniiru.

Madda suuraa, PA Media
Sababa kanaan konkolaattotni fe'isaa 1,500 ol ta'an kan bulchiinsa Keent keessatti danqamanii turan Firaansitti ce'uuf amallee eeguutti jiru.
Akaakuun haaraa Covid-19 argamuu hordofee UK keessatti lammiileen miiliyoona 17 ta'an dhorkaawwan tamsa'ina vaayirasichaa to'atan garaagaraa afuriif saaxilamaniiru.
Biyyoonni uggura imalaa UK irra kaa'an heddummaachaa jiraachuunsaanii kan isa yaaddesse Dhaabbati Fayyaa Adunyaa(WHO), biyyoonni kunneen uggura laaffisuu qabu jedheera.
Dhaabbatichatti daarektarri damee biyyoota Awurooppaa Hans Kluge, biyyoonni miseensa Gamtaa Awurooppaa yoo xiqqaate akkaataa daldala biyyattii hin miineen haala imalasaanii mijeeffachuu qabu jedhan.
Akaakuun koronaavaayirasii haaraan kun kan duraan turerraa adda ta'ee daran kan nama yaaddessu miti kan jedhan qondaaltonni WHO, sodaa kana hunda waan namatti fidu miti jechaa jiru.
Namoota talaallii koronaavaayirasii argatan keessaa tokko kan ta'an Ugur Sahin, talaalliin argame vaayirasii haaraa kanaafis waan hojjetuuf wanti nama yaaddessu hin jiru jedhan.
Covid-19 Antarkitikaa qaqqabe...
Ardiin Antarkitikaa kanaan dura Covid-19 irraa bilisa kan ture wayita ta'u, amma weerarri vaayirasichaa ardilee torban walgaheera.
Giddugaleessa qorannoo Chiilii, Bernaandoo O'Higgins jedhamu keessatti namoota 36 vaayirasichi qabeera.
Namoota 36 keessaa 26 loltoota wayita ta'an, kurnan isaanii hojjattoota suphaa meeshaalee hojjataniidha.
Namoonni sadii gara buufata humna galanaarraa Chiiliitti otoo deebi'anii qabamuun isaanii baramuu hordofuun oduun kun dhaga'ame.













