Filannoon Biyyaalessaa 6ffaa Caamsaa 28, Waxabajji 5 gaggeefama

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa filannoon biyyaalessaa 6ffaa Caamsaa 28 bara 2013 akka adeemsifamu ibse.

Ibsa bordichi har'a kenneen, naannoo Tigraayin alatti yeroo filannoo biyyaaleessaa itti gaggeefamuu ifa taasiseera.

Naannolee biyyattii hunda keessatti sagaleen kan kennamu Caamsaa 28 kan gaggeefamu ta'a.Bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Dirredhawaatti ammoo Waxabajjii 05 bara 2013 sagaleen kennama jedheera.

Guyyaa magaaloota Finfinneefi Direedhawwatti filannoon gaggeefamuutti ammoo dabalataan ''sagaleen murtee ummata(rifarandamiin) Kibba lixaa'' kan kennamu ta'u boordiichi ibseera.

Sagaleen murtee ummataa kunis haala caaseeffama naannoo kibba Itoophiyaa waliin kan wal qabateedha jedhameera.

Boordichi taateewwan ijoo filannichaa ilaalchisuun wixinee sagantaa qopheesse dhaabilee siyaasaaf dhiyeessee mari'achaa kan jiru yemmuu ta'u boordichi galmee filattootaa Guraandhala 22 hanga Bitootessa 21 bara 2013 adeemsisuuf karoorfateera.

Duulli na filadhaa kaadhimamtootaa ammoo Guraandha 08, 2013 hanga 23tti yoo ta'u, isaan booda hanga guyyaa filannootti duulli gaggeefamu akak hinjiraannees himameera.

Sagntaa baherraa akka hubatametti filannoon kun yeroo qabameefiin erga gageeffamee booda, bu'aan filannoo sadarkaa buufataalee filannoofi sadarkaa naannootti yeroo garaa garaa kan ibsamu ta'a.

Bu'aan filannoo inni dhumaa ammoo Boordii Filannoo biyyaaleessaatiin Caamsaa 29 fi Waxabajjii 21 ifa akka taasifamu himame.

Adooleessa darbe keessa gaggeefamuuf karoorfamee kan ture filannoon biyyaleesaa fi naannoolee marsaa 6ffaan, sababii koronaavaayirasiitiin dabarfamunsaa ni yaadatama.