Lola Tigraay: Kantiibaa haaraan Maqalee manneen maree hundeessaa jirra jedhan

Magaalaa Maqaleetti tajaajilli fayyaa, bishaaniifi ibsaa, akkasumas geejiba qilleensaa sababii lola naannicha tureen adda citee ture gutummaatti eegaluu Kantiibaa haaraan Magaalaa Maqalee Obbo Ataakiltii Hayilayasuus BBCtti himan.
Bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayiif kanneen mudaman keessaa tokko kan ta'an Obbo Ataakiltiin akka jedhaniitti, tajaajilli baankiis guyyoota dhufan lama keessatti kan eegalchiifamu ta'u himan.
Baankiiwwan kana dura adeemsi ittiin tajaajila waraqaan keennaa waan tureef, isa gara sistamaatti erga galfamee xumuramuutti tajaajilli harkifachuu ibsaniiru.
Lola Sadaasa 4 raayyaa ittisa biyyaafi humnootii naannichaa jidduutti eegaleen walqabatee guyyoota 40 ta'aniif naannichatti tajaajilli baankii, ibsaa, bilbilaafi intarneetii adda cite ture.
Kana malees bulchiinsii yeroo naannichaa hojjattoota motummaa baatii tokkoo oliif hojiirraa dhaabbatanii turan Muddee 14, 2020 gara hojiisaaniitti akka deebii'aniif waamicha taasisuun ni yaadatama
Haaluma kanaanis namoonni hedduun gara hojiitti kan deebii'an ta'ulleen, waajjiraalee keessaatti wantoonni barbadaa'aan hedduun waan jiraniifu amma hojiin isaan kana galmeessuufi sirreessuu hojjatamaa jiraachu Obbo Ataakilitiin dubbatan.
Akkasumas sabaabii tajaajjilli intarneetii hinjirreef Maqaleedhaa gara Finfinneetti imaluuf tikeettii xiyyaaraa galmaa'uuf rakkoon jiraachuufi kanaafis dhaabbatichi malawwan adda addaa qopheessaa jiraachu himan.
Dilbataa eegalee sirni diriirfamu jiraachuufi isaan tajaajila kennuun kan eegalamu ta'us ibsan.
Kana malees Magaalichatti ummata waliin marii gaggeessaa jiraachu, sadarkaalee kutaalee magaalaafi gandaatti mana maree hundeessaa jiraachus kantiibaan kun BBCtti himan.
''Adda duraan nageenyi akka eegamu kan barbaadnu ummatichaan'' kan jedhan Obbo Ataakiltiin, ammaattis poolisiin federaalaafi humni ittisaa qaamoolee bulchiinsaa waliin ta'un nageenya eegsiisaa jiras jedhan.
Darbee darbees magaalattii keessatti saamichi akka mudatu kan dubbatan kantiibichi, humni nageenyaa dabalataa akka ramadamuufi ummanniif lafa deeggarsa barbaaduutti karaan ittiin odeeffannoo kennu mijataa jiras jedhan.


Dargaggoonni, hawaasichaafi qaama nageenyaa jidduutti riqichaa ta'uun akka tajaajilaniif kanneen naamusa gaarii qabaachunsaanii hawaasichaan ammaname filatamuun ibsi taasifamaaf jiraachus dubbatan.
Hanga ammaattis guyyaa guyyaan haalli gaariin mulataa jira kan jedhan Obbo Ataakiltiin, dhaabbileen daladalaa, waajiraalee tajaajila motummaa akkasumas sochiin ummataa gara haala idileetti deebii'aa jiraachu himan.
Tarkaanfii waraanaa motummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf magaalaa Maqaleetti fudhateen jiraattoonni ajjeefamaniiru isa jedhamurratti kan gaafatama Obbo Ataakilitiin, isaan gara ittigaafatamummaa kanatti erga dhufanii yeroo gabaabaa ta'usaafi ergasii as ammo dhimmoota shaamichaafi waldhabdee ilaalattaniin alatti raga du'aa akka hinarganne himan. Dhimma kanarratti qaamni naannichatti nagaa kabachiisu osoo deebii kennee sirrii ta'as jedhan.
Gaaffii jiraattoonni magaalichaa bilbilli isaanii ni butamaa jechuun soodaataa jiruu jechuun dhiyaateef, dhimmi kanarratti raga akka hinqabne BBCtti himan.
Lola Sadaasa 4 naannichaatti eegalameen walqabatee, manni maree federeeshinii bulchiinsii naannichaa akka deegamuuf erga murteesseen booda kan ijaaramee kaabiineen bulchiinsa yeroo naannichaa erga hojii eegalee guyyoonni muraasni lakka'amaniiru.
Waldhabdee TPLF fi Motummaa federaalaa jiduutti umamee cimee deemuun gara buufata waraanaa fadeeralaa kan Naannoo Tigraayi keessa buufatee irratti humnootii TPLF haleellaan raawwantameen wal qabatee torbanootaaf lolli naannichatti gaggaafamaa ture.
Kanaanis walqabatee tajaajiliiwwan akka bilbilaa, baankiifi bishaanii torbanootaaf aada cite ture
Guyyaa Kamisa kaleessaa tajaajilli ibsaa adda cite ture magaaloota Adigraatiifi Wuqirootti deebii'uu Humni Elektirika Itoophiyaa fuula feesbuukii isaarratti beeksiseera.
Akkasumas magaaloonni akka Shire, Aksuumiifi Adawaa ibsaa akka argatan taasisuuf walta'iinsaan hojjatamaa jiraachus beeksiis
Ka'umsi lola kanaa maali?
Lolli naannoo Tigraayiitti kan guyyaa Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad humnoota TPLF kanneen Izzii kaabaa irratti halleellaa raawwataniiru jechuun himatan irratti tarkaanfiin akka fudhatamuf itti ajaje Sadaasa 04, 2020 eegale.
Ministirri Muummee Abiy ajaja kana kan ajajan deebii haleellaan buufata waraanaa loltoonni mootummaa federaalaarratti humnootii TPLFn fudhatame akka ta'e ibsan.
Lola kanaan wal qabatees namoonni dhibbaan lakkaa'aman lubbusaanii yoo dhaban, kanneen 50,000 ol tahan ammoo qeee'aasaaniirraa buqqa'uun gara Sudaanitti baqataniiru.














