Pirimarliigii Ingiliiz: Galchiin Farmiinihoo daqiiqaa xumuraa Liivarpuul dursaa liigichaa goote

Madda suuraa, Reuters
Goolii Roobeertoo Farmiinihoon daqiiqaa dhumaarratti mataan rukutee galcheen Liivarpuul Totanhaam Hootispar irraa saadarkaa tokkoffaa fudhate.
Tapha dirree Liivarpuul Anfiildirratti halkan sa'aa shan irraa eegalee taphatameen Liivarpuul dursee kubbaa Mohaammad Saalaa dhiitee taphattoota ittisaa Tootenhaamiin kallattii jijjiiree galeen dursa qabate.
Liivarpuul kubbaa harka caalu to'atee dhibbaa uumee taphachaa kan ture yoo ta'u Tootanhaam tooftaa taphaa ittiin beekaman Kaaawuntar attaakiin daqiiqaa torba booda goolii Saan galcheen qixxee ta'anii boqonnaaf bahan.
Boqonnaan booda Tootanhaam carraa goolii uumuu danda'us, daqiiqaa 90'ffaarrattii goolii Robeertoo Farmiinihoon mataan rukutee galcheen Liivarpuul Tootanhaam irraa qabxii sadii argachuun sadarkaa tokkoffaa qabachuu danda'eera.
Tootanhaam torbee jalqaba Piriimiyeer liigii kanaatti Evertaniin erga injifatamee booda reefu injifatame.
Tapha kana irratti leenjisaan duraanii Liivarpuul Gerard Houllier kan ganna 73 torbee kana addunyaarra boqotan yaadatamaniiru.

Madda suuraa, Reuters
Gammachuu isaanii bifa addaan dirree keessatti kan agarsiisan leenjisaan Liivarpuul Jaargan Kiloop, tapha gaarii akka turee fi Totanhaamiin injifachuuf tooftaan jiru yeroo hundumaa kubbaa to'achuudha jedhan.
Gooliin Tootanhaam galche oofsaayiidii ykn sarara taphaan ala jedhanii akka amananiis himaniiru.
Joosee Moorinihoo gama isaaniin gareen isaanii gaarii akka turee fi injifatamuun akka hin malleef himan.

Madda suuraa, Getty Images
Gama kaaniin gooliin Obaamiyaang galche Arsenaal Saawuuzaamteeniin mo'amuu baraareera.
Torbee jaha dura Maanchistar Yunaayitidiin erga inifatee booda Arsenaal taphoota walitti aanan jaharraa qabxii sadii qofa argatee amma sadarkaa 15'ffaarratti argama.
Taphataan kilabichaa duraanii Tiiyoo Waalkoot kilaba isaa duriirratti goolii galcheen boqonnaa bahanii, boqonnaa booda Obaamiyaang qeeqa goolii galchuu dhabuusaa callisiisu galcheera.
Leenjisaan Arsenaal Maayikil Arteetaan taphattoota 10'n qabxii qooddachuu danda'uun isaanii kilabichi suuta bayyanachaa akka jiru agarsiistuudha jedhaniiru.














