Abbaan qabeenyaa UAE maaliif kilabii Israa'el sanyummaa leellisu bituuf filatan?

Madda suuraa, Beitar Jerusalem
Sheekiin Emireeti kilabii kubbaa miilaa Israa'eel Beyitaar Jarusaalam keessaa qooda harka 50 isa bitan.
Gareen kunis jibba sanyummaa Arabaaf qabaachuun qeeqamu.
Ibsi kilabichaa akka jedhuutti Sheek Haamaad bin Khaaliifaa Al Naahyaan waggoota 10 dhufaniitti gara oolaara miliyoona 92 ni invasti ni taasisu.
Innis ''kilabii beekamaa kana waliin hojjachuusaatiif baayyee gamadaa'' ta'u ibseera.
Waliigalteen kunis erga Gamtaan biyyoota Arabaa (USE) waliitti dhufeenya ishee Israa'el waliin qabdu sirreeffachuuf biyya Galoo Galaana Arabaa kan jalqabaa taatee baatii sadii booda ture.
Biyyoonni lamaaniifi Baahireen walitti dhufeenya dippilomaasii qabaachuuf jidduu deemummaa bulchiinsa Tiraampiin waliigaltee mallatteessan.
Beyitaar Jarusaalam kilaboota kubbaa miilaa guddaa keessaa tokko. Kilabiin kunis 20007-8tti pireemiyarii Liigii Israa'ee jaha mo'ateera.Deeggartoota kilabii kanaa keessaa tokko MM biyyatti Beenjaamiin Netaanyaahuun ni argamu.
Haata'u amlee, garii kun Araboota kanneen ummata Israa'eel keessaa harka 20 ta'an irratti ifatti jibba qabaachuun beekama.

Madda suuraa, EPA
Yeroo hunda dorgommiiwwan irrattis faaruun ''ajjeedhaawwan Arabootaa'' Istaadiyoomii Teediitii kan dhagahamu yoo ta'u, abbootiin qabeenyaa kilabichaas tabattoota arabaa ykn Isilaamtoota akka hinmallatteesineef akeekachiisan.
Bara 2013tti, waajjirri kilabichaa erga tabattoota kubbaa miilaa isilaamaa lama qaxareen booda ibiddi itti qabsiifamee ture.
Miseensoonni lamas gubaa waajjiraa kanaatiin himatamanii turan.
Abbaan qabeenyaa Beyitaar Jarusaalam ammaa, nama daladala teknolojii Israa'el Moshe Hogeeg, erga bara 2018tti kilabicha bitaniin booda ture kan duula jibba farra sanyummaa labsan.
Muddee darbe BBCtti akka himeettis deegartoota hunda akeekachiiseera. ''Yoo yaada jibba sanyii tokko iyyitan adabbii dolaara miliyoonotaatiifana isin himadha.''

Mormii deegartoota muraasa irraa dhiyateen alatti, innis dhiheenya kana waliigaltee harka 50 Sheek Haamaad waliin mallatteesseera.
Sheek Haamaad miseensa maatii mootii Abu Dhaabiis parsantaa 50 kilabichaa fudhatu.
Ibsa baheenis, Mr Hogeeg waliigalteen kabaja ayyaana ibsaa warra Jiwishootaatiin dura taasifamee kunis ''ifa haaraafi dinqisiisaa bakka bu'a'' jedhaniiru.
''Waliin ta'un, kilabii keenyaaf jecha gara waliin jireenya, bu'aa qabeessummaa fi obbolummaa fi hawaasa fi ispoortiiwwan Israa'eetti waliin deemna'' jedhan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Sheek Haamaad, ''Kilabii mo'ataa akkasii kaafi magaalaa olaanaa, magaala guddaa Israa'eel waliin sharka ta'u kiyyatti baayyee gammadeera. Magaalattii kunis magaaloota qulqulluu addunyaa keessaa tokko,'' jedhan.
Itti dabaluunis, ''Jijjiramawwan kilabicha keessatti fi wantoonni ittiin deemaa jiran irratti gaggeefamaa jirus dhagaheera, qaama isaa ta'u kiyyattis baayyee gammadeera.''
Abbummaa magaalaa Jerusaaleem irratti Israa'elootaafi Paalaasitoonata jidduutti madda waldhabdeeti.
Israa'eel bara 1967tti erga Baha Jarusaaleem qabatteen kaasee waldhabeen irratti gaggeefamaa jira. Ejjannoon Israa'el Jarusaal magaalaa guddoo taasisuu bulchiinsa Tiraamp, Gutemaalaa fi Honduraas qofaan deegarame.
Haa ta'u malee Paalistaanoonni gara fuula duraatti Bahi Jarusaalam magaalaa guddoo isaan akka taatu himu.
UAE erga walitti dhufeenya dippilomaasii Israa'eel waliin sirreeffachu raawwatteen boodas, Bahi Jarusaalam magaalaa guddoo Paalistaanotaa ta'u fudhachu akka itti fuftu himte jirti.












