Teeknolojiifi waraana: Firaans qorannoo 'gahumsa loltoota ishee fooyyessu' eegaluufi

Madda suuraa, Getty Images
Humni waraanaa Firaans akka itti 'loltoota gahumsi isaanii fooyya'e' horachuu danda'u irratti qorannoo akka eegalu hayyamni kennameefii jira.
Gabaasni haaraan biyyattiin baaste fuulduraaf wantoota qaama loltootaa keessa awwaalamuu fi teekinooloojiiwwan kaan fayyadamuun dirree lolaa irratti loltoota gahumsa addaa qaban uumuuf haala mijeessa.
Biyyoonni kaan carraalee akkasii habuuraa jiru, Firaans illee kana gochuu qabdi jedha gabaasichi.
Ministirri Ittisaa Filoorans barbachisummaa dhimma kanaa cimsitee dubbatte
Dubbii torbee darbe dubbatteen Firaans teekinooloojii akkanaa gabbisuuf ammatti karoora hin qabdu turte jette. "Haa ta'u malee waan as deemaa jiruuf qophaa'uun barbaachisaadha," jette.
"Duudhaalee keenya osoo hin gatiin haala olaantummaa waraana keenya eegsifnu, mala dhahuun barbaachisaadha" jette.
Dhimma kanarratti koreen naamusaa waraana biyyattii Dilbata darbe gabaasa baase.
"Dhalli namaa yeroo dheeraaf akkaataa dirree lolaa irratti gahumsa qaamaa fi sammuu gabbifatu fala dhahaa ture," jedha gabaasichi.
"Bu'aan kanaas qaama loltootaa keessa waan gahumsa isaanii fooyyessu galchuudha" jedha.
Gabaasichi waan qaama loltootaa keessa awwaalamu kan gahumsa kutaa sammuu gara fuula duraa ykn serebiramii fooyyessu yoo ta'u, kun loltooti diina akka adda baafatan gargaara jedhame.
Dabalataan ajajoonni isaanii bakka loltoonni jiran akka baranii fi fayyummaa isaanii irratti ragaalee akka argatan gargaara jedhameera.
Kuni wayita hojjetamu naamusa loltummaa eeguun daran barbaachisaa ta'uu eereera gabaasichi.
Sanyii namaa fooyyessuu fi jijjiiruun gonkumaa dhorkamuu qaba, ammoo waan loltuun sun wayita hawaasatti deebi'ee makamu namooma isaa hin jeeqne ta'uu qabas jedha.
Waraanaan alatti waan sammuu namaa fooyyessu qaama keessa awwaaluun baratamaa jira jedhan Aadde Filoorans.
Baruma kana keessa booyyeen kompitara hanga saantimaa gahu sammuu keessaa qabdu gameessa teekinoolojii Eloon Maskiin ifa taatee turte.
Kunis sammuufi maashiniin waliin akka hojjetu agarsiisuuf yaadamee kan kalaqamedha.













