Lammiin Firaans handaaqqoo kormaa ajjeesee sibila itti horde adabame

KOrmaa handaaqqoo

Madda suuraa, Reuters

Lammiin Firaans handaaqqoo kormaa ajjeese ji’a shan keessatti yoo yakka biraa raawwate akka hidhamu itti murtaa’e.

Namni kun sagaleen handaaqqoo ollaasaa na jeeqe jedheeti rasaasaan erga dhahee ajjeeseen booda sibiilaan waraanee keessa baase

Handaaqqoon naannoo Ardiichii, Maarseel jedhamu nama ollaa iyyisaa isa aarseen ajjeefame.

Abbaan qabeenyaa Maarseel, Seebaastiyaan Veernii gochaan kun erga uumameen booda ‘handaaqqoo koof haqa’ jechuun mallattoo iyyataa walitti qabuu jalqabe.

Kanaanis namootni 100,000 tahan mallatteessuun hirmaatan.

Namtichi ollaa, Maarseeliin ajjeesees bineelda irratti gochaa gara jabinaa raawwachuufi yakka biraan balleessaadha jedhe manni murtii.

Adabbii hidhaa haala irratti hundaa’e dabalataan yuroo 300 fi waggaa sadiif meeshaa waraanaa kamiyyuu akka hin qabanne irratti murame..

‘’Adabbiin kun waan mudate iddootti hin deebisu,’’ jedhan abbaan qabeenyaa Veernii AFPtti yoo himan.

Yeroo mallattoo iyyataa funaanaa turanitti ‘’hammeenya jibbisiisaa’’ maatii rifaasise tahuu dubbatan.

‘’Kan itti aanu immoo eenyu? Sagalee simbirroo waccuutii? Sagalee yeroo qamadiin calleeffamuutii? Timaatima biqiludha? Harree alaaktu? Moo saawwan dheedan?

Dhimmi kun Firaans dubbii ijoo namoonni tibbana irratti haasa’aa jiran taheera.

Bara darbe manni murtii Firaans, dubartii shimibirroonni kee faalama sagalee qaqqabsiisan jedhamuun himatamteef murteessee ture.

Kormaan handaaqqoo ollaa jeeqe jedhamee baatii Waxabajjii keessa lubbuun darbe, kan ganna jahaati.