Amnastii Intarnaashinaal addabbii du'aa Masriitti dabalaa dhufe balaaleffate

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni Amnastii Intarnaashinaal adabbii du'aa Masrii keessatti garmalee dabalaa jiru balaaleffachuun aanga'ootaan ''ajjeechaa suukkanneessaan gammadu'' jechuun himateera.
Gareen mirgootaa akka jedhaniitti Masiriin baatiiwwan Onkoloolessaafi Sadaasaa keessa qofaatti yoo xinnaate namoota 57 du'aan adabdee jirti, kunis kan guutuu bara 2019 dachaadha jedhameera.
Masriin garuu gabaasicha irratti yaada hinkennine.
Baatii darbe ammoo Amnastiin to'annoo cimaa mootummaan dhaabbilee sivil irratti taasisaa jiru ''yaaddoo dabaleera'' jechuun balaaleffatee ture.
Gareewwan mirgootaaf falman akka jedhanitti rogeeyyonni hedduun bulchiinsa pirezidaanti Abdul Fattaa al-Sisii jalatti hidhamaniiru ykn akka biyyaa hinbaaneef ykn qabeenyaa saanii akka hinsochoofneef dhorkamaniiru jedhan.
Pirezidaanti Siisiin bara pirezidaantii isaan duraa Mohaammad Morsii kan karaa dimokraatawa ta'een filatamaniifi mormii bara 2013tti irratti ka'een aangoorraa bu'an keessa loltoota aangoorraa isaan buusan hoogganaa turan.
Amnastii Intarnaashinaal gabaasa isaa guyyaa Roobii maxxanfameen, yaalii mana hidhaa Toraa kan Kaayirootii miliquuf Fulbaana keessa taasifamee fashalaa'een walqabatee adabbiin du'aa garmalee dabaleera.
Yaaliin sanaanis poolisoonniifi sirreeffamtoonni du'i itti murtaa'ee hedduun ajjeefamaniiru jedhe.
Amnastiitti qorataan naannichaafi direktarri deeggarsaa Filiipp Luzer gabaasicha keessatti akka jedhaniitti, ''Masrii keessatti manneen murtiis yeroo baayyee akka 'dhuga-baatii' dararamaan argame irratti hundaa'uun haalaan kan galmaa'eefi gochi haalaan itti yaadamee mirgawwan haqa sirrii argachuu sarbuun jira.''
Dhaabbanni Humaan Raayitis Wachis dhaabbilee mirgaaf falaman kan Masrii keessatti lakkoofsi namoota du'aan adabamanii dabaluu himan keessaa tokko.
Akkasumas Masriin dhiheenya gareewwan mirgoota namoomaaf falman irratti to'annoo cimaa taasisuun himannaa irratti dhiyaateera.
Baatii darbee, gareen mirgootaa 'Egyptian Initiative for Personal Rights (EIPR)' jedhamu daareekratti haqa yakkaa isaanii Kaarim Enaaraah Dahaabaatti qabamuu, akkasumas ogganaan waajiraa isaanii Mohaammad Baasheer immoo Kaayirootti hidhamusaa gabaaseera.
Guyyootaan booda ammoo Ogganaan garee kanaa Gaasar Abdal Razer ammoo Kaayirootti qabaman.
Ergasisi oduu sobaa haaraa tamsaasuufi dhaabbatan shororkeessatti hidhata qabdu jedhamuun himataman.
Dhaabbatichi garuu garee mirgoota namoomaa kan Masrii keessatti dhimmoota siyaasaa, sivilii, dinagdeefi hawaasummaa hedduuf haguuggii kennuudha.
Ministeerri Hajaa Alaa Masrii ammoo to'atamu isaanii ilaalchisee ''waan dogongoraatu'' midiyaalaa dedeemaa jira jechuu dubbicha kuufan.
Dubbi himaan Ministeerichaa Ahimad Haafez, Masriin olaantumaa seeraa kan kabajjuufi bilisummaan tarkaanffiin siviliis heera biyyaa jalatti kan eegameedha jedhan.
Akkasumas ''yaalii adeemsa qorannoo abbaa alangaa ummataa gaggeessuu irratti dhiibbaa gochuuf taasifamu kamu'' hinfudhannu jedhaniiru.














