Namtichi haadha warraasaa ajjeesee reeffashii gube waggaa 25'n adabame

Lammiin Firaansi Jonaatan Davaal jedhamu kan haadha warraasaa ajjeesee reeffa ishii gube hidhaanwaggaa 25 itti murame.

Gochi namni kun haadha warraa isaarratti raawwate lammiilee Firaansi hedduu rifaasise.

Reeffi dubartii Aleksiyaa Davaal jedhamtu gartokkeen gubatee bosona Kaaba Dhiha magaalaa Giraay jedhamu keessatti bara 2017 argame ture.

Abbaan warraa ishii Jonataan Davaal, jalqaba yakka kana raawwachuu hin amanne ture.

Sirumayyuu haadha warraa dhabe fiigicha shaakaluuf baatee; ergasii manatti hin deebine, dhabamteetti jechuun poolisittii gabaase.

Booodarra garuu akka ishee reebe ajjeesee fi reeffa ishii gube amane.

Jonaatan Davaal namtichi ganna 36 haadha warraasaa ajjeese, Sambata darbe dhaddacha mana murtiitti dhiyaatee wayita himannaan isaa dubbifamuuf miirri gaddaa irraa hin mul’atu ture.

Maatii ishee wayita arge yeroo tokko ‘gaddeera’ jedhee dubbatee ture.

Abbaan alangaas ajjeechaan sun‘’miidhaa mana keessatti qaqqabe’’ jechuun umrii guutuu akka hidhamu gaafataa ture.

Aleeksiyaa Davaal maaltu mudate?

Aleksiyaa Davaal dubartiin ganna 29 hojjattu mana baankii yoo taatu, abbaan warraa ishii dhabamte naa iyyaafadhaa jedhee poolisitti kan gabaase bara 2017ture.

Yeroo sanatti abbaan warraa ishii, fiigicha shaakaluuf baatee hin deebine jedheetu poolisitti gabaase.

Guyyaa lama booda garuu reeffi ishii argame gartokkeen gubate fi bosona keessa iddoo fiigicha shaakaltutti dameen mukaa irra naqame argamte.

Duuti ishe jiraattoonni magaalaa Gireey 10,000tti lakka’aaman dheekkamsise.

Jiraattoonni magaalichaa dubartii magaalota Firaansi keessatti fiigichaan beekamtuu kanaaf kabaja qaban mul’isaniiru.

Duutii ishee wayita dhaga’amutti, abbaan warraa ishii kun imimmaan buusaa ibsa kennamaa ture irratti mul’atee ture.

Ji’a sadii booda garuu, abbaan alangaa Davaal haadha warraasaa ajjeesuu amanuu ibse.

Reeffaa ishiis gubuu haalee ture, bara darbe keessa amane. Galmeen himannaa isaa wayita ilaalamu, haala yakkicha itti raawwate jijjiree dubbata ture.