Pirezidaantiin Naannoo Amaaraa xalayaa galfachuu fi muudama adda addaa

Pirezidaantiin mootummaa Naannoo Amaaraa Obbo Tamasgeen Xurunaa aangoo pirezidaantummaasaanii gadi dhiisuun Daarektara Olaanaa Tajaajila Nageenyaa fi Tika Biyyaalessaa ta'uun muudaman.

Akka miidiyaan biyya keessaa gabaasanitti qondaalli olaanaan naannoo Amaaraa kun hojii biraaf waan barbaadamaniif aangoo gadi dhiisuuf xalayaa galfatan.

Obbo Tamasgeen xalayaa kana kan galfatan yaa'ii idilee caffee naannochaarratti ture.

Haala amma biyyi keessa jirtu ilaalcha keessa galchuun ergama isaaniif kenname sababa godhachuun kan xalayaa galfatan Obbo Tamasgeen, ergama paartiinsaanii itti jiru, 'biyya balaarraa oolchuu' keessatti waan isaanirraa eegamu raawwachuuf itti gaafatamummaa kana akka fudhatan caffee naannoo Amaaraaf ibsaniiru.

Caffeen kunis dhimmicharratti erga mari'atee booda xalayaa Obbo Tamasgeen galfatan mirkaneesseera.

Manni Maree kun bakkasaaniimmoo Obbo Aganyahu Tashaagar pirezidaantii naannochaa akka ta'aniif kaadhimamummaan dhiyeesseera.

Obbo Tamasgeen Xurunee erga naannoonsaanii pirezidaantii duraanii mootummaa naannoo Amaaraa kan turan Dr Ambaachoo Makonnin du'aan dhabdee boodadha kan aangoo qabatan.

Gamaa kaaniin Ministirri Muummee Abiy Ahmad har'a ganama muudama haaraa kennuusaanii Waajjirri Ministira Muummee gabaaseera.

Muudamni kun ALI Onkoloolessa 25, bara 2013 irraa eegalee kan hojiirra oolu yoo ta'u, namoonni muudamanis:

  • Ministirri Muummee Itti Aanaan Dammaqaa Makonnin Ministira Dhimma Alaa
  • Obbo Gadduu Andaargaachoo gorsaa damee tika biyyaalessaa Ministira Muummee
  • Jenaraal Birhaanuu Julaa Itaamaajoorshuumii waliigalaa humna waraanaa
  • L/Jenaraal Ababaaw Taaddasaa Itaamaajoorshuumii walii galaa Itti Aanaa
  • Pirezidaantii Naannoo Amaaraa kan turan Obbo Tamasgeen Xurunaa Daarektara Olaanaa Tajaajila Nageenyaa fi Tika Biyyaalessaa
  • Komishinar Dammallaash G/mikaa'el Komishinara Komisinii Poolisii Federaalaa ta'uun muudamaniiru.