Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pireezidantiin Senegaal Maakii Saal mootummaa diigan
Pireezidantiin Seenegaal Maakii Saal mootummaasaanii diiguusaanii, ibsi waajira pireezidantichaarraa bahe ni agarsiisa.
Pireezidant Saal kan hojiirra oolchuufis, labsiiwwan afur mallatteessuun raggaasaniiru.
Pireezidantichi maaliif kana akka godhan sababni dhiyaate kan hinjirre oggaa tahu, kaabineen haarayaas yoom hundaa'a kan jedhus hin baramne.
Mootummaan isaanii diigame kun ministeerota 32 fi barreessitoota olaanoo (state secretaries) sadi of keessaa qaba ture.
''Haga mootummaan haaraa bakka bu'utti, ministeeroonni fi barreessitoonni hojii gadhiisuuf jiran kunniin hojii of harkaa qaban hojjechuu itti fufu,'' jedha ibsi bahe kun.
Pireezidant Maakii Saal filannoo Bitootessa 2019 godhameen marroo lammeessoof, waggaa shan bulchuuf injifatan.
Haatahu malee, mormitoonni isaanii pireezidantichi morkattoota isaanii ciccimoo akka hin dorgomne dhorkan jechuun qeeqa irratti dhiyeessu.
Amma duras pireezidant Saal, filannoo injifatanii torbee muraasaan booda, tasumaa osoo hin eegamin waajira ministeera muummee biyyattii diigan.
Qeeqxoonni isaanis aangoosaanii daranuu cimsachuuf kana godhan jedhu.
Guyyaa Roobiis labsii kan biraatiin, aabba Saal iddoo barreessaa olaanaa waajira pireezidaantichaas diiguusaanii AFPn gabaaseera.
Teessoon isaanii kan diigame barreessaan Mahammed Boun Abdallah Diyoon jedhaman kun, waahila isaanii yeroo dheeraafi ministira muummees nama turanidha.
Kana malees Maakii Saal, ministira muummee duraanii kan biraa ka turan Aminata Turee jedhamanis aangoorraa kaasaniiru.
Aadde Aminaataa dura teessuu mana maree diinagdee, hawaasummaafi naannoo (CESE) jedhamu turan.
Namni siyaasaa kun ministeera haqaalee tahuun tajaajilaa kan turan wayita tahu, mirga dubartootaa fi farra-malaammaltummaaf qabsaa'u.
Akka taajjabadoonni muraasni jedhanitti Aadde Aminaataa pireezidaantii biyyattii tahuuf namoota fedhii qaban keessaati.