Biriteenitti humni addaa doonii boba'aa feete irra bu'uun 'butamuu' irraa oolchan

'Isle of Wight' bakka jedhamutii taankeriin boba'aa humna addaa Biriiteeniin erga butamuu irraa ooltee qorannoon itti fufee jira.

Dilbata kaleessaa namootni torba taankerii boba'aa feetee deemaa turte Andiroomeedaa jedhamtu osoo hin beekamiin seenuun deemaa turan to'atamuun hidhamanii jiru.

Miseensonni Humna Addaa doonii [SBS] jedhaman wal dura dhaabbannaa taankericha keessa sa'a kudhanii oliif ture daqiiqaaa sagal keessatti xumuran.

Miseensonni 22 doonicha keessa turan hundi nagaadha. Yeroo dukkanaa'u miseensonni humna addaa Biriiten 16 tahan helikoptera humna galaanarraan balali'uun funyoodhaan taankerii boba'aa feete kana irra bu'an jedhe gabaasaan BBC Jonataan Beel.

''Namootni torba lammiilee Naayijeeriyaa UKtti koolu-galtummaa gaafachuuf deemaa turan jedhamuun shakkaman, eeyyama malee osoo hin beekamiin taankericha seenuun, qabamanii hidhamuun harka poolisii Hamshayeritti kennamaniiru'' jedhe poolisiin.

Ministerrii ittisaa taatee kana ''yaalii doonicha butuuti'' jedhee, akkaataa gaaffii poolisiin dhiyeesseen Barreessaan Humna Ittisaa Been Waalaach fi Ministerri Dhimma Biyya keessaa Piriti Paatel oppireeshinicha raggaasisani.

Mr Waalach akkas jedhan: ''Samii dukkanaa'eeruu fi haala qilleensaa ulfaataa akkasii keessatti, humnoota nageenyaa jagna tahan kanaaf hundi keenyaa galata galchina. Dadhabbii isaanii irraa kan ka'e namni hunduu nagaadha.''

Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Paatelis, ''poolisii fi humnootni hidhatan ariitiin tarkaanfii murteessaa akkasii fudhachuun, haalicha to'achuu keessaniif galatoomaa,'' jechuun Tiwiitera ishee irratti barreessite.

Dooniin meetira 228 dheerattu Onkoloolessa 5, Naayijeeriyaa, Leegosii kaatee gara gidduugala calallii boba'aa Fawilii [Fawley Oil Refinery] jedhamu Saawuzampitanitti imalaa turte.

Akkuma bakka imala isaaniitti dhiyaatanitti, namootni torba taankericha keessa turan dubbii kaasan.

Abbaan seeraa kaampaanii abbaa qabeenya doonichaa Nayivos tahee gareen doonicha oofan akka namootni kunneen irra jiran baranii ture.

Booda nageenya garee doonicha sochoosuuf yaaddoo tahe jedhan. Doonichas guutummaan akka hin to'anne yeroo yaalamu, dhaabbilee hedduun hubachuun tarkaanfiin of eeggannoo qabu fudhatame jedhan ajajaan Humna Ittisaa Toobiyaas Elwuud.

Poolisiin qorannoo isaa itti fufuun gabaasa guutuu dhiyeessa jedhame.