Mormii Naayijeeriyaa: Hogganaan poolisii hokkora hir’isuuf ‘humna guutuu’ bobbaasan

Madda suuraa, Reuters
Hokkoraafi saamichaa daandirraa dhaabuuf jecha hogganaan poolisii Naayjeeriyaa humna poolisii hundi akka bobba’aniif ajajeera.
Moohammad Adamuu, hiriira mormii haleellaa poolisiin mormuun ba’ame, amma yakkamtoonni dhuunfatanii bakkeewwan hedduu to’ataniiru jedhu.
Kun kana booda fudhatama hin qabu jedhan. Qondaaltonni poolisii “hokkora, ajjeechaa, saamichaafi qabeenya barbadeessuu,” akka dhaabaniif ajajamuu himu.
Hiriirri mormii haleellaan poolisii akka dhaabatu mormuun ba’amuu kan eegale Onkololeessa 7 ture.
Hiriirri kun, hedduminaan dargaggootni irra jiran, gartuun poolisii Sars jedhaman akka diigaman gaafachuun eegalame.
Pireezdaanti Muhammaduu Buhaarii gaartuu Sars – haleellaa, saamicha, dararaa fi ajjechaan himataman- guyyoota muraasa booda kan diigan ta’us, akkaataa Naayjeriyaan bulchamtu irratti jijjiramni akka uumamu gaafachuun mormiin itti fufeera.
Mormiin kun kan haammaate erga Kibxata darbee magaalaa gudditti Legoos keessatti, mormitoota hin hidhatin irratti dhukaasi erga banamee booda.
Gartuun mirga namoomaaf falmu Amnesty International, qamooleen nageenya yoo xiqqaate namoota 12 ajjeesaniiru jedha. Waraanni Naayjeriyaa garuu harka keessaa hin qabu jedha.
Legoositti guyyoota darban keessatti manneen daldalaafi suqii irratti saamichi baayyatee, manneen daldalaa keessummaa kan namoota siyaasaa ammo barbadaa'aniiru.
Gamooleen hedduu gubamanii manneen hidhaas haleelamaniiru.
Sanbata ammoo namootni dhibbaan lakkaa’aman mana kuusaa mootummaa magaalaa Bukuruu saamaniiru jadhameera.
Manni kuusaa kun yeroo sababa Covid-19tti waan sochiin uggurameef, namoota harka qalleeyyiif nyaata hiramuuf ture kan qabatedha jedhameera.

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaant Buhaariin erga hiriirri mormii kun eegalamee as hokkora daandirratti uumameen, loltootaafi poolisoota muraasa dabalatee namootni 69 lubbuun isaani darbeera jedhu.
Sanbata humni poolisii Naayijeeriyaa, hogganaan poolisii Adamuun “seera dhabuu kana dhaabuuf humna barbaachise hunda bobbaasaa,” jechuun ajajuu isaani Tiwiitara gubbaatti barreessaniiru.
Dabalataaniis ''kanneen rakkoo uuman kana booda biyyatti miidhuuf seera akka hin cabsineef akeekkachiisaniiru,” jedha.
Gartuun Legoos keessatti hiriira mormii qindeessaa ture, Jimaata namootni manaa akka hin baaneef gorseera.
Gartuun mirga dubartootaaf falmus qajeelfama uggura sochii, bulchiinsa isaanii keessa kaa’ame akka kabajaniif namoota gorsaniiru.
Gartuun kun hiriira mormii #EndSARS irratti namoota gargaaruuf kana booda gargaarsa akka hin fudhanne beeksiseera.














