Mormii 'End Sars': Leegoositti kanneen mormiif daanditti bahan 'ajjeefaman'

Mormitoonni Leegoos keessatti yeroo karaa cufan

Madda suuraa, Reuters

Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii hookkara Naayijeeriyaatti hammaataa dhufe balaaleeffatan.

Ibsa gaafa Roobii Antooniyoo Guterees baasaniin 'gara jabinni' poolisii Naayijeeriyaa keessatti akka xumura argachu gaafachuun humnoonni nageenyaa tarkaanfii fudhachuurraa akka of qaban gaafate.

Magaalaa guddittii Naayijeeriyaa Leegositti namoonni gara jabeenya poolisii mormuuf daanditti bahaniifi lakkoofsaan hin beekamne ajjeefamuu yookiin madaa'un gabaafameera.

Kanneen ijaan arganiifi gareen mirga namoomaa Aminastii Intarnaashinaal waraanni dhukaasa banuu hordofee namoonni hedduu ajjeefamu akkasumas miidhamuu ibsaniiru.

Bulchaan Leegos garuu kan du'e nama tokko namoonni 25 immoo miidhamu ibsan.

Waldhibdee kana hordofee Leegoos dabalatee naannoolee biroottis uggurri sochii sa'aa murtaahe kan guyyaa tokkoof turu labsameera.

Mormiin humna poolisii 'Special Anti-Robbery Squad (Sars)' jedhamuufi tibbana diigame torban lamaaf adeemsifamaa ture.

Kanneen mormiif bahaniis hashtaagii #EndSars jechuun miidiyaa hawaasummaa gubbaa mormii dhageessisu.

Hooggantuun haajaa alaa duraanii Ameerikaa Hilaarii Kiliintan Pireezidant Mohaammaduu Buhaariifi humna waraanaaf ergaa dhaamaniin dargaggoota duula #EndSARS jedhu irratti hirmaachaa jiran ajjeesuu akka dhaaban gaafataniiru.

Maanchistar Yunaayitidiif kan taphatu lammiin Naajeeriyaa Juudii Ighaaloos ajjeechaa lammiilee irratti raawwatameef mootummaa Naajeeraa himateera.

''Mootummaa kanatti baayyeen qaana'eera,'' jechuun viidiyoo tiwiitara gubbaatti gadhiiseen mormii isaa ibse.

Ighaaloon erga viidiyoo isaan mootummaan UK, UN fi biyyoonnii kaaniis waan mootummaan Naayijeeriyaa gochaa jiru kana akka balaaleffatan gaafateera.

Mootummaan kun yakka raawwachaa jiru kana caala callisee bira darbuu hin dandeenye kan jedhe taphataan Maanchistaar Yunaayitiid kun, karaatti yoo baatan isin ajjeesu waa ta'eef daandiitti hin bahiinaa jechuun lammiileef dhaameera.

Waayee dhukaasa banamee maal beekna?

Qarqara maagaala Leegoositti mormitootni walitti qabamanii osoo mormii dhagessisaa jiranii hidhattootni mootummaa kan yuniformii uffatan suuta suuta ittuma siqaa boodas dhukaasa banuu akka eegalan namni achi ture maqaa osoo hin himiin BBC'tti waan arge dubbateera.

''Dhukaasa banaa nutti siiqaa dhufan, jeeqamatu ture, anuma cinaatti tokko rukutamee achumatti lubbuun isaa dabarte.''

Aara gamoo gubbaa magaalaa Naayijeeriyaa Leegositti mul'atu

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Aara gamoo gubbaa magaalaa Naayijeeriyaa Leegositti mul'atu

Dhukaasni kun sa'aa tokkoofi walakkaaf itti fufuu, akkasumas reeffa namoota ajjeefamanii fudhatanii deemuus namni kun himeera.

Namootni haala ture ijaan argan biroonis Rooyitarsitti yoo himan qaamoleeen mootummaa kallattiin hiriirtotatti dhukaasaa akka turan dubbatan.

Dhaabbatni Aministii Intarnaashinaal damee Leegoos, ragaalee amanamoofi miira namaa jeeqan argachuu fi humni hangaa olii fayidaarra ooluun bakka kaffaltii lekkiitti mormitootni ajjeefamuu twiitara gubbaatti maxxanseera.

Lakkoofsi mormitoota ajjeefamanii hangama akka ta'e mirkaneeffachaa akka jiraniis dubbii himaan dhaabbatichaa Isaa Sanuusi himaniiru.

Dubbii himaan bulchaa Leegoos Gboyega Akosile aanga'oonni gochi kun akka qoratamu ajaja dabarsuu ibsaniiru.

Dubbii himaan humna waraanaa taatee kanarratti yaada akka kennan gaafatamanii deebii hin laanne.