Gamtaan Afrikaa haleellaa qaamoleen nageenyaa Naayijeeriyaa raawwatan balaaleffate

Madda suuraa, Getty Images
Nayijeeriyaatti tarkaanfii gara jabinaa poolisii biyyattii balaaleffachuuf namoota hiriiraa bahan irratti haleella raawwatame Gamtaan Afrikaa balaaleffate.
Dura taa'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat humnoota siyaasaa fi dhaabbilee hawaasummaa biyyattii keessatti argamaniif dhaamsa dabarsaniin ''mirgi namoomaa akka eegamuufi seerri akka kabajamu gahee keessan bahaa'' jedhan.
Madda rakkoo nageenyaa amma dhalatee kan ta'e Humni addaa poolisii saamicha ittisuuf hundeeffame Sars, namoota seeraan ala hidhaa, dararaafi ajjeessaa jiraachuu isaati.
Mormitootni humni poolisii addaa kun akka duugamu mormiin dhageessisaa turan fudhatama argatee gareen kun diigameera.
Qaamoleen nageenyaa yakka kana raawwatan qoratamanii seera dura akka dhiyaataniis gaafatameera.
Mormiin poolisii addaa farra saamichaarratti dhiyaatu dhagaahamaa bakka turetti Kibxata darbe haleellaan naannoo Lekkiitti raawwatame lammiilee naayijeeriyaa beebbekamoo addunyaarra jiraniif aanga'oota biyyoota addunyaan balaaleffameera.
Pireezidantii Itti aanaan biyyattii Yemi Osinbajo kanneen haleellaa Kibxataan miidhamaniif haqa kennuuf waadaa galaniiru.
Aministii Internaashinaal haleellaa kanaan lubbuun namoota 12 darbuu kan gabaase yoo ta'u humni waraanaa iyyittii garuu ''oduun kun kijibaa'' jedheera.
Ministeerri Poolisii gama isaan humnoonni nageenyaa hiriirtotatti akka dhukaasan ajajni kenname hin turree jedha.
Waldaan hawaasa diingdee biyyoota Lixa Afrikaa kan Naayijeeriyaaniis miseensa itti taate ECOWAS, Mootummaafi mormitootni mariin rakkoo kana furuu qabuu jedheera.
Qamni mootummas mormitootni humna fayyadamuurraa akka of qusatan gaafateera ECOWAS. Ministeerri haajaa alaa UK Doominiik Raab hokkorri biyyattii mudate dafee akka tasgabbaa'uu dhaaman.
Mootummaan Naayijeeriyaa attattamaan ajjeechaa qaamolee nageenyaan raawwatame jedhamu qoratee seeraan gaafachuu qaba jedhan.
Ajjeechaa Kibxata darbee raawwatameen kan dheekkaman sabaa himaalee lama kan mootummaatti hidhata qaban irratti haleellaa raawwataniiru.












