Xiyyaarri Singaappor weerara Covid-19’n miidhame nyaata dhiheessuu eegale

Madda suuraa, Getty Images
Kanneen Singaapporitti laaqana nyaachuu fedhan xiyyaara Airbus A380 jedhamuufi buufata xiyyaaraa dhaabatetti carraa nyaata nyaachuu argataniiru.
Gatiin laaqana tokkoo hanga dolaara 496 yookaan Birrii Itoophiyaa 18,000 ol ta'us, teessumni laaqanaa guyyoota lama dursee daqiiqaa soddoma keessa gurguramee xumurame.
Ergasii Daandiin qilleensaa biyyattii guyyoota lama nyaata itti dhiheessu dabale. Kanaafis, dursanii laaqanaafi irbaataaf galmaa'u.
Daandiin Qilleensa Singaappor daandiiwwan qilleensaa gali dhaban bakka busuuf yaada biznasii haaraa hordofaa jiran keessaa tokkodha.
Yeroo ammaa dhaabbatichi xiyyaara Airbus A380 lama sagantaa sa'aatii 3'f turuuf fayyadamuuf yaadeera.
Kunneenis, sababa weerara Covid-19'f hamma qabatu danda'u keessaa walakkaa qofa akka qabatu ta'a.
Kanneen nyaataaf xiyyaara seenan filmii ilaalaa sooratu. Garuu, xiyyaarri lafaa hin ka'u.
Dhaabbatichi nyaatallee manatti namaa erga. Sanuu, meeshaalee xiyyaara keessa imaltootaaf kennaman waliini.
Kana dura, Daandiin Qilleensaa Taayiwaan Eva jedhamuufi Qantas kan Awustiraaliyaa, yaada imaltoota bakka kaasanirraa qilleensarra naannessanii deebisanii qubachiisuu eegalaniiru.
Daandiiwwan Qilleensaa weerara Covid-19'n miidhaman keessaa tokko kan Singaappori.
Baatii darbe dhaabbatichi hojjettoota 4,300 hojiirraa akka gaggeessu ibseera. Kunis, hojjettoota waliigalaa dhaabbatichi qabu keessaa %20 dha.
Daandiiwwan xiyyaaraa kaan gaafa uggurri ka'e balalii biyya keessaan hojiitti deebi'uuf yaada qabanis, Daandii Qilleensaa Singaappor bulchiinsa magaalaa keessa jiru qofaaf garuu kuni yaada furmaataa ta'u hin danda'u.
Waldaan Geejjiba Qilleensaa Idil-addunyaa (Iata) jedhamu akka ibsetti, hammi namoota waggaa kana imalan kan bara 2019 yoona kana turerraa 66%'n xiqqaateera.














