Ameerikaa: Feesbuukiifi Tiwiitariin waa'ee Covid-19 Tiraamp maxxansan haqan

Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, REUTERS/FACEBOOK

Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp erga koronaavaayirasiin qabamanii hospitaala seenanii ba’anii as waa’ee dhibee kanaa tuffachuun dubbataa jiru.

Koronaavaayirasiin lubbuu namaa galaafachuudhaan hanga qufaa ‘flu’ hin ga’u jechuun isa isaan maxxansan Feesbuukiin haqeera.

Dhibamanii guyyaa sadii hospitaala erga turanii booda amma gara Waayit Haawusitti deebi’anii kan jiran Tiraamp, ’’wayita weerara flu akkuma waliin jiraachuu baranne, ammas Covid-19 waliin jiraachuu barachaa jirra, Koronaavaayirasiin nama ajjeesuudhaan hanga qufaa yookiin flu hin ga’u,’’ jedhan.

Waan Tiraamp maxxansan kana Tiwiitariinis balleesseera.

Odeeffannoo dogoggoraafi balaa geessisu waan ta’eef akka haqe hima dhaabbati kun.

Feesbuukiinis odeeffannoo dogoggoraa waa’ee Covid-19 akka haqu, kanumarraa ka’uun kan Tiraamp maxxansanis akka balleesse qondaalli kominikeeshinii dhaabbatichaa himaniiru.

Ragaan Yunvarsitii Joons Hoopkins akka mul’isutti hammeentaan du’aa sababa Covid-19’n uummamuu ammatti sirriitti beekamuu baatus garuu harka 10 fi isaa oliin akka kan qufaa ykn flu caalu eera.

Pirezidaantichi dhimma kana seera miidiyaa hawaasummaa ‘’REPEAL SECTION230’’ jedhu eeruun deebii kennan.

Keewwati kun akka jedhutti qabiyyee miidiyaa hawaasummaa irratti ba’uuf kan itti gaafatamuu fi ilaalu abbaa maxxanse malee miidiyaa hawaasummaa sana miti.

Pirezidaantichi keewwata kan eeruun deebii yaa kennaniyyuu malee, seerri miidiyaa hawaasummaa garuu qabiyyeen balaa uumu yoo maxxanfame akka haquu fi nama maxxanses akka ugguru ni hima.

Feesbuukiin kanaan yeroo lammaffaaf waan pirezidaantichi maxxansan haquusaati.

Tiwiitariin ammoo irra deddeebiin maxxansa isaanii haqeera, akeekkachiisas kenneeraaf.