Dho’insi Beerut: Balaan ‘seenaa keessattihammaadha' jedhame kun yeroo niiwukilara waliin madaalamu

Beirut showing damage

Madda suuraa, Reuters

Dho’insi Hagayya darbe Beerutitti qaqqabee magaalatti barbadeesse seenaa keessatti dho'insa niiwukilara hin taane isa guddicha jedhan ogeeyyonni.

Gartuun ogeeyyii Yunvarsiitii Shefiild UKtti argamuu akka himanitti, dho’insi uumame TNT toonii 500 kan Kilootoonii 1.1 akka gitu tilmaamudha.

Kunis harka tokko digdammaaffaa boombii Niwukilaraa bara 1945 magaalaa Jappaan Hirooshimaarraatti darbatamedhajedhame.

Gareen qorattootaa kun akka itti dambaliin kirkiruu lafaa cimaan magaalicha keessa fulla’ee kaartaa kaaasuun mul’isan.

Ogeeyyii dho’insa kana qoratan, hojiin isaanii balaa fuulduratti uumamuu maluuf karoora yeroo muddamaatti qopheessuuf akka fayyadu ibsan.

Ogeessi qorannoo Yunvarsiitii Shefiild Dr Saam Rigbiy, taatee akkasiirraa ijaarsa balaa akkasii dandamatu akka itti ijaarru barra jedhan.

Balaan dho’insaa qaqqabe kun Amooniyeem Naayitireetiin toonii 2,750 sirriin hin kuufamneen dho’ee lubbuu namoota 190 galaafachuun namoota 6,000 olii ammoo madeesse.

Ogeeyyiin kun tilmaama dho’insaa kanaarra kan gahan viidiyoo dho’insa qaqqabe agarsiisu qorachuudhaan ture.

Amma viidiyoowwan 16 taatee sanarratti waraabaman irra deebi’anii sakatta’uuf carraa qabu, ragaa shallaggii kanaaf isaan barbaachisu bal’inaan argachuuf akka isaan fayyadu heerameera.

Nasa damage assessment of Beirut following 4 August 2020 explosion

Dho’iinsi mudate sun miliisekondii tokko keessatti annisaa 1GWh walgitu maddisiisa akka ogeessi kun jedhutti.

Annisaan kun manneen jireenyaa 100 ol ta'aniif yeroo waggaa tokko caaluuf madda annisaa ta’ee tajaajiluu akka danda’u qorattoonni kan tilmaaman.

Boombiin niwukilaraa Hirooshimaarratti darbames dho’insa kilootoonii TNT 13-15 ta’u qaba ture.

Dr Rigbiin akka jedhanitti dho'insi kun balaa nam-tolchee dho’insaa seenaa keessaatti hamaa 10 keessa tokko ta’uu heeran.

Dho’insi nam-tolcheen guddaan boombii niwukilaaraatiin alatti uumamne seenaa keessaatti olaanaa galmaa’e kilootoonii TNT 3.2tti dhiyaata.

Meeshaa dho'an gurguddoo nam-tolchee ta'an kan akka faayidaarra hin oolle irratti waliigalamee gadidha kan Beerutitti qaqqabe kun.

Dho'insa meeshaa nam-tolchee akka faayidaarra ooluuf hayyamamu ykn irratti waliigalameen garuu ni caala akka ogeeyyonni ibsanitti.

Dho’insi olaanaa kun bara 1917 dooniiwwan dhuka’aa baatan lama wayita walitti bu’an kan uumame ture.

Dr. Rigbiin’’ jaarraa 21 keessatti dho’insa niwukilaraa hin taane, hunda caala cimaatu Beerutitti mudate’’ jedhanii ibsan.

Bara 2015 dho’insi amoniyeem naayitireetii Chaayinaatti dho’e, dho’iinsa harka walakkaa balaa Beerutitti uumameen waligita jedhameera.

Aftermath of blast in Beirut

Madda suuraa, Reuters