Haal-dureewwan fayyaa Doonaald Tiraampiif yaaddoo uuman maal fa'i?

Donaald Tiraamp

Madda suuraa, Reuters

Pireezidaant Doonaald Tiraamp akka Covid-19n qabamuuf wantoonni sababa ta’an jiru – umuriisaa, ulfaatinnasaa fi dhiira ta’uunsaa carraa inni Covid-19n haalaan akka dhukkubsatu isa taasisaniidha.

Doonald Tiraamp ulfaatinnisaa kiiloogiraama 74 yoo ta’u, ‘Body Mass Index (BMI) isaa 30 ol ta’a – kunis nama furdinna garmalee qabu isa taasisa.

Covid19n qabamuun Tiraamp maal jijjiira?

Umuriin dhukkubbii hamaa keessa galuuf sababa jabaadha, kunis namni akka hospitaala galuu gochuun cinatti al tokko tokko du’aaf nama saaxiluu danda’a.

“Namoonni baay’een dhukkubsatanis fayyuu danda’u,” jedhu Dr Biharat Pankhania Yuunivarsiitii fayyaa Eksitar irraa.

Qorannoon guutuu addunyaarratti taasifame akka mul’isutti namoota umuriinsaanii 75 ta’an 25 keessaa namni tokko yoo Covid-19 qabame du’uuf ni saaxilama.

Akkasumas namoota umuriinsaanii 85 ol ta’e torba keessaa namni tokko ni du’a, namoota umuriinsaanii 90 ol ta’e afur keessaa namni tokko ni du’a.

“Umuriin dhukkuba onnee, sombaa, sukkaaraa gosa lammaffaa yookiin dhukkuboota biroof sababa ta’uu danda’a,” jedhu Yuunivarsiitii Kaambiriijiitti piroofeesar kan ta’an Raavindiraa Guptaa.

Furdinni garmalee dhukkuboota hamoo biroofis nama saaxiluu danda’a.

Ragaan Fayyaa Hawaasaa Ingilaand akka mul’isutti furdinni garmalee carraa namni tokko hospitaala ciisee yaala argachuu isa barbaachisuuf akkasumas du’aaf nama saaxila.

Dabalataanis furdinni garmalee dhukkuba sukkaara gosa lammaffaa fi dhukkuba onneef saaxila.

Marroo duraan Covid-19 dubartoota caalaa dhiirotatu yaala hospitaalaa argachaa kan turan. Kanaanis dhiironni %60 ta’an sababa Covid-19 du’aa turan.

“Dubartii fi dhiira jiddutti garaagarummaan madiinummaa ni jira,” jedhu Piroofeesar Raavindiraa Guptaan.

Ta’us garuu dhiironni rakkoo fayyaatiif haalan saaxilamu.

Doonaald Tiraampiif kun maal jechuudha?

Rakkinni jiru miidhaa vaairasichi namoota dhuunfaarratti geessisu tilmaamuun ulfaataa ta’uusaati.

Haalli fayyaa namoota umuriinsaanii 74 ta’e haalaan garaagarummaa qabata akkasumas miidhaan vaayirasichi isaan irra geessisuu danda’us akkasuma.

Hamma ammaatti Doonaald Tiraamp mallattoo agarsiisee yoo ta’ellee wanni beeknu hin jiru.

“Innis haal-dureewwan Covid-19’f sababa qaba jechuun mallattoo agarsiisa, haalaan dhukkubsata yookiin miidhama jechuu miti,” jedhan Koolleejjii Kiingisi Landan irraa Dr Nathalie McDermott.

Dabalataanis akkas jedhan: “Inni pireezidaantii Ameerikaati, kanaaf tajaajilli fayyaa addunyaarratti fooyyee qabu argata”