Donaald Tiraamp: Obboleettiin Tiraamp, ‘Tiraamp sobduu ejjennoo hin qabne dha’ jette

Madda suuraa, Getty Images
Obboleettiin hangafti pireezidantii Ameerikaa ogeettii seeraa taate ‘sobduu qajeelfama hin qabne,’ jettee Tiraampiin, icciitiin waraabameetu ifatti bahe.
Jechi qeeqaa Meeriyaan Tiraamp Beerii intala obboleettii ishee Meerii Tiraampiin waraabame. Meeriin waggaa darbe kitaaba pireezidanticha qeequ maxxansitee turte.
''Barreeffama waa’ee hin baafneefi sobnisaa.... yaa Rabbii! Fakkeessaa fi hamaa dha,'' yeroo jettu dhagahamteetti Aadde Beeriin.
Meerii Tiraamp adaadaa ishee kan waraabde of himannaa mana murtii irraa eeguuf jetteeti.
Tiraamp dhimma ifa bahe kanarratti ibsa Waayit Haawus irraa kennaniin, ’’Yeroo hunda waan addaa fidu, ani dhimma hin qabu,’’ jedhaniiru.
Haasaan waraabame kun jalqaba Waashingitan Poostiin gabaafame.
‘Qormaata hiriyyaasaatu qorameefi’
Haasaa dhoksaatti waraabame kanarratti Aadde Beeriin imaammata godaantotaa Tiraamp qeeqxi. Haalli kun ijoolleen godaantotaa akka dararaman taasisa jechuunis eerti.
‘’Waan inni barbaadu warreen isa deeggaran gammachiisuu dhas,’’ jettee jirti.
Meerii Tiraamp kitaaba ishee irratti, maatiinshee nama balaafamaa addunyaa kanaa akka guddisan himti.
Eessumnishee qoramaata yunivarsiitii seenuuf qormaata murteessaa ‘Scholastic Aptitude Test’ hiriyyaasaatu kaffaltiidhaan qorameef jetti.
Aadde Beeriins haasaa waraabame keessatti dhimma kana eerti, hiriyyaa isaaf qoramellee nan yaadadha jetti.
‘’Yunivarsiitiif kan inni Peensilvaaniyaa deeme, qormaata namni biraan ijaa isaaf qorameefi,’’ jetti.
Aadde Beeriin obboleessa ishee deeggaraa akka turteefi dur akka walitti dhiyaatan himti. Yeroo dhukkubsattee hospitaala ciiste tokkos marmaaree akka ishee gaafachaa tures dubbatti.
Kaffaltii Istoormi Daani’eels
Manni Murtii waliigalaa Kaaliforniyaa pireezidant Tiraamp Isteefaanii Kiliiford yookiin stoormii Daani’eliif, doolaara 44,100 akka kafalan ajajee ture.
Kaffaltiin kun kan ajajame hariiroo Tiraamp dubartii kanaa waliin qabaniin, kaffaltii seeraan irraa eegamu gatii hin kaffalleef ture.
Dubartiin kun Tiraamp waliin bara 2006tti hoteela Leek Taahooy jedhamu keessatti quunnamtii saalaa akka raawwatan himtee turte
Donaald Tiraamp garuu dhimma kana ni haalu.
Daani’eels dhimma gidduu isaaniitti uumame akka hin dubbanneef doolaara 13,000 waliigalanii akka afaan qabatte himti.
Kunis filannoo pireezidantummaa isaanii guyyoota muraasa dura jetti.












