Filannoo Itoophiyaa 2021: Filannoo biyyaalessaa dhufu irratti filattoonni miliyoona 50 ni eegamu

Meeshaalee filannoo ittiin raawachiisan

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa filannoo biyyaalessaa marsaa ja'affaa dhufu irratti filattoonni miliyoona 50tti siqan akka hirmaatan ni eegama jedhe.

Boordichi kana kan jedhe filannoo biyyaalessaa 6ffaa ilaalchisee hojii qophiiwwan filannoof barbaachisu beeksisteettidha.

Lammileen umuriin isaanii filannoof gahee filannicha irrattis ni hirmaatu jedhe walakkaa baayyina ummata biyyattii ta’u jedheera Boordiin filannoo Biyyaalessaa kun.

Akka ibsa Boordichaatti,guutummaa biyyattii keessatti buufataaleen filannoo sagalee itti kennaman 50, 900 ni jiraatu.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa gamagamaafi yaada gorsaa haala weerara koronaavaayirasii ilaalchisee biyyattii keessa jiru ilaalchisee Ministeerri Fayyaa dhiyeesse ilaaluun filannoo biyyaalessaa baranatti darbe gaggeessuuf qophiin dandeesisu akka taasifamu murtessuun isaa ni yaadatama.

Haaluma kanaan buufataleen filannoon alattis namoota filattoota galmeessan namoota 152,700 akka bobbaasu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ibsaasera.

Boordichi namoota guyyaa sagaleen itti kennamu filannoo raawwachiisanis 254,500 ramaduuf akka jiru himeera.

Filannoo biyyaalessaa akka bara kana gaggeeffamu ibsame kanaaf galmeewwan filattootaa afaanota shaniin qophaa’uun isaas beekameera.

Amanamummaa filannichaa mirkaneessuudhaaf is kaardii filattoonni fudhatanis baayyisuudhafis ta’e fakkeessanii maxxansuudhaaf akka hin danda’amnetti ta’ee kaardii filattootaa nageenyi isaa eegamu ta’ee qophaa’uu isaa Boordichi ibseera.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa saanduuqawwan sagaleen itti kennaman, dahoo sagalee icciitiin keessatti kennan, borsaawwan meeshaalee barbaachisan qabatan, baatirii minjaalaafi kanneen biroo guyyaa filannoof barbaachisan qopheessuu isaa beeksiseera.

Filannoon biyyaalessaa kun yoo akka gaggeeffamu guyyaan murtaa’e kan hin ba’iin jiru ta’ullee, Boordichi garuu qophiiwwan duraa barbaachisan taasisaa akka jiru ibseera,

Filannoon biyyaalessaa ja’affaa Hagayya darbe gaggeeffama jedhamee eegamaa ture. Haata’u malee, sababa yaaddoo weerara koronaavayirasiitiif akka bara kanatti darbu murtaa’uun isaa ni yaadatama.