Oolmaa dhaddachaa Obbo Baqqalaa Garbaa, Jawaar Mohaammadiifi kaan irratti dhimmoota ka'an

Jawaar Baqqalaa fi Mishaa

Madda suuraa, Social Media

Obbo Baqqalaa Garbaa fi Jawaar Mohaammad mana tokko keessatti akka hidhaman godhamuun dhaddacha mana murtii hara'aarratti ibsame.

Obbo Jawaar Mohaammadiifi Obbo Baqqalaa Garbaan erga guyyaa to'annoo jala oolanii Waxabajjii 23 bara 2012 kopha kophaa hidhamuun sirrii akka hin taane ibsuun, nama biroo waliin akka kutaa qooddatan ajaja Manni Murtii dabarse raawwatamuu dhagahuuf har'a mana murtii dhiyaatan.

Abukaatoowwan Obbo Jawaar fa'aa keessaa tokko kan ta'an obbo Tuulii Baayyisaa, kanaan dura obbo Jawaar fa'as, abukaatoowwan isaaniis nama kophaatti hidhuun seeraan ala ta'uu ibsuun iyyachuu BBC'tti himaniiru.

Manni Murtii iyyata isaanii dhaggeeffatee kophaatti hidhamuun sirrii miti jechuun, nama barbaadan waliin akka mana tokko keessatti hidhaman murteessee akka ture obbo Tuuliin himaniiru.

Haata'u malee ajajni mana murtii kun sababa hin raawwatamneef Komishinii Poolisii Federaalaarraa dhagahuuf hara'tti beellamni kan qabame ta'uus, beellama har'aa dura ajajichi raaawwatamuu dubbatan.

Beellama har'aa irrattis ajajni kun raawwatamuun gabaafameera jedhan.

Haaluma kanaan Obbo Jawaar Mohaammadiifi Obbo Baqqalaa Garbaan kutaa tokko keessatti hidhamuu ibsan.

Gama kaaniin dhaddachuma kanarratti mana tokko keessatti hidhamanii kan jiran Hamzaa Adaanaa (Hamzaa Booranaa) fi Shamsaddiin Xahaa ''manni itti cufamee qilleensa gahaa osoo hin argatiin oolu waan ta'eef, kun akka fooyya'uuf gaafatamee ture,'' jedhan.

''Nuti manni keenya nuu banamee qilleensa gahaa arganna, diida keessas ifa gahaa arganna. Haata'u malee kutaan Hamzaan fa'ifi Iskindir fa'aa keessa jiran cufaa waan ooluuf kun isaaniifis fooyya'uu qaba.

Mirgi nuuf kenname isaaniifis kennamuu qaba,'' jechuun obbo Jawaar dubbachuu abuukaatoon kun himaniiru.

''Kuni garaagarummaa nama gidduutti uumuudha, kun immoo xiinsammuu isaaniirratti dhiibaa uuma,'' jechuun Jawaar fa'aa falmachuus ibsaniiru.

''Manni murtiis akkaataa barbaachisummaasaatti manni akka irraa banamu ajajeera,'' jedhan.

Dhimma Mishaa Adam

Lammummaa Ameerikaa kan qabu Mishaa Adam, kana dura Manni Murtii Federaalaa sadarkaa tokkooffaa ramaddii Araadaa mirga wabii qarshii 10,000 eegeefii ture.

Haata'u malee Abbaan Alangaa isaa bahuuf jedhu ol iyyannoon Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataatti isa dhiyeesseeraa jedhu Obbo Tuuliin.

Ammaas Manni Murtii mirga wabii isa duraa qarshii 20,000 kabajeefii turuullee dubbatan.

Ammas Abbaan Alangaa ol iyyannoo irratti gaafatee Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Murtee akka irratti kennu godhamee ture.

''Manni Murtii Waliigalaa Federaalaas ooltii isaa kaleessaan bitaaf mirga dhagahee, oliyyannoo Abbaa Alangaa kufaa godhee murtii duraa cimse,'' jedhu.

Bu'uura murtee kanaan maatiin bakka inni itti hidhame mana barnootaa naannoo Inqulaal faabriikaa jedhamu yoo deeman, Miishaan achii fuudhamuu maatiitti himamees jedhu.

Miishaa kan fudhate Komishinii Poolisii Oromiyaarraa qaama dhufe akka ta'eefi qorannoof fudhatamuun maatiitti himamuullee ibsaniiru.

Hooggantoota ABO

Godina Addaa Naannawaa Finfineetti Mana Murtii aanaa magaalaa Sulultaatti dhimmi namoota 24 kan galmee Daawwit Abdataa jala turaniis har'a ilaalamuu obbo Tuuliin himaniiru.

Galmee kana jalatti Abbaan alangaa himata banuuf kana dura guyyaa 15 gaafatee guyyoota 15 keessatti himata waan hin banneef, Manni Murtii mirga wabii qarshii 20,000 eegeefii akka ture yaadachiisaniiru.

Haata'u malee ajaja kanaan namoota 24 galmee kana jala jiran keessaa shan qofti mirgi isaanii eegamee bahaniiru jedhu.

Abukaatoowwan maamiltootni isaanii yookiin osoo hin himatamiin ykn ammoo mirgi wabii isaanii osoo hin kabajamiin, seeraan ala hidhaa turuu irratti komii dhiyyeessuu dubbataniiru.

Bu'uuruma kanaani guyyaa har'aatti manni amala sirreessaafi poolisiin deebii akka kennu bellamame jedhu.

''Haata'u malee Abbaan Alangaa gaaffii mirga wabiirratti oliyyannoo Mana Murtii Olaanaa Godina Addaa magaalaa Finfinneetti fudhatee, Manni Murtii otoo falmiin irratti hin godhamiin kallattiidhaan mirga wabii kenname kufa godheera.''

Galmee kanaafis Fulbaana 11, 2013'tti beellamni qabameera jedhan.

Ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa booda mormiin magaalaa Finfinneefi Oromiyaa ture hookkaratti jijjiiramuun, lubbuun namoota 180'tti siqan yoo darbu qabeenyi guddaas barbadaa'eera.

Poolisiin hookkara uumuufi kaaniin shakkuu ibsuun qondaalota siyaasaa, kanneen daanditti bahan, gaazexeessitootafi kaan 7,000 ol ta'an to'annoo jala oolcheera.