Haleellaan Fulbaana 11 waggoota 19 booda yeroo yaadatamutti al-Qaa'idaan eessa jiraa?

Haleellaan 9/11 dachee Ameerikaarratti qaqqabe suukaneessaa ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaan 9/11 dachee Ameerikaarratti qaqqabe suukaneessaa ture

Haleellaan 9/11 jedhamuu Fulbaana 11 haleellaa sukanneessaa dachee Ameerikaarratti qaqqabedha. Garee al-Qaa'idaa jedhumutu waggaa 19n har'aa haleellaa kana raawwate. Guyyaan haleellaan kun itti raawwate ammoo guyyaa waggaa haaraa kan Itoophiyaa waliin walirra oola.

Haleellaa sukkaneessaa gamoowwan lakkuu Ameerikaa irratti raawwatame kana al-Qaa'idaan biyya Afgaanistaan keessa maadheeffachuun ture kan gaggeesse.

Ameerikaan haleellaa godaannisa hin dagatamne bara sana keessummeessite. Gareen haleellaa kana gaggeesse al-Qaa'idaan waggoota 19 boodas ni jira.

Gareen al-Qaa'idaa Siriyaa keessa maadheffatan Waxabajjii keessa dhabamsiifamaniis, garee Yaman keessa jiruuf hoggaanaan isaanii xiyyaara fageenyarraa to’atamtuun ajjeefame.

Kaaba Afrikaa Maalii keessattis haaluma walfakkaatuun hoggaanaan gartuu hidhattoota kanaa loltoota Faraansaayiin ajjefamuu hordofee amma yoonatti hoogganaa garee kanaa otoo bakka hin buufatiin hafan.

Gama biraatiin, hogganaan gartuu al-Qaa'idaa Ayimaan al- Zawahirii ji’ootaaf walitti aansee sagalee dhofkateera.

Kanarraa ka'uun tarii gaggeesummaarraa kaafameera hamiin jedhu ni dubbatama.

Biyya Maaliitti duuluudhaan Kaaba Afrikaatti hoogganaa gartuu hidhattoota kanaa ajjeesuu kan beeksifte Faraansayii ture.

Ilmi gaggeessaa duraanii al-Qaa'idaa Osaamaa Bin Laadiin, Hamzaa Bin Laadiin haleellaa xiyyaaraa Ameerikaatiin ajjeefameera.

Hoggantoota hidhattoota kanaa ajjeessuun al-Qaa'idaa laaffisuus, Soomaliyaafi Maalii keessa garuu ammallee jiru.

Siriyaa keessatti hidhattoonni gartuu jihaadistootaan wal morkii keessa seenanis biyyattii keessatti fudhatama guddaa hin arganne. Lammileen biyyattii akka sodaa nageenyaa gartuu uumuufi dhiibba idil-addunyaa itti fidutti ilaalu.

Kana malees, hoggantootni gartuu hidhattoota kanaa qondaltoota olaanoo Ameerikaatiin akka jabduu barbaadamu, ni adamfamullee.

Gartuu jihaadistoota al-Qaa'idaa morkatu Huraaz al Diin jedhamuun haleellaa cimaa irran erga aqqabee ji’oota lamaan darban sochii cimaa hin mul’isne.

Tarii sirumayyuu haleellaa xiyyaarota Ameerikaan du’uulle hin hafne jedhamee yaadama.

Gartuun hidhattoota kanaa Yaman keessa socho’u ‘ al-Qaa'idaa biyyoota Galoo Galaana’ moggaasa jedhu kan qabu wayita ta’u, naannichatti hedduu sodaatama ture.

Haata’u malee, barana haleellaan hedduun irra qaqqabuun waraanarrattis injifatamuun dhiibbaa uumuu dadhabee fudhatamas dhabe.

Ji’a muraasaan dura xiyyaarri Ameerikaa fageennyarraa to’atamtu hoogganaa garee hidhattoota kanaa ajjeefamuun, dhiyeenyattimmoo hidhattoota Huutiin Baayidaa iddoo jedhamutti injifatamanii naannicha gadhiisan.

Kaaba Afrikaa Aljeeeriyaa keessa sochoo’uu yaalanii otoo hin milkaa’iin hafan.

Maalii keessatti gartuu hidhattoota kanatti hidhata kan qabu Jamaat Nusraat al-Islaam wal Muslimaan jedhamu bara 2017 hundeeffamee Nijeeriifi Burkinaafaasoo keessallee soch’aa ture.

Afrikaa keessatti hidhattoota al-Shebaabitti aanuudhaan lafa bal’aa qabatee ture.

Gartuun hidhattootaa kun raayyaa ittisaafi loltoota biyyoota biroo haleeluurratti xiyyeeffata ture. Keessattuu loltoota Farsaansaay deddeebi’ee haleela.

Ammatti gartuu akka al-Shabaabitti dandeettii sodaatamu hin qabu. Al shabaab giddugaleessafi Kibba Somaaliyaa to’atee, bulchuurrattillee qooda qaba.

Biyyatti keessatti haleellaa xiqqaafi guddaa guyyuma guyyaan qaqqabsiisaa oola.

Hoggaantoonni sadarkaa giddugaleessaafi miseensonnn al-Qaa'idaa daangaa Afgaanisaaniifi Paakistaan keessatti waggoota muraasa darban haleellaa xiyyaarota nama maleeyyiin ajjeefamaniiru.

Ameerikaan ji’oota muraasa dura hidhattoota Taalibaan waliin waliigalteerra qaqqabuun jijjirama akka fiddutu eegama.

Akkaata waliigatichaatti Taalibaan gartuu jihaadistoota biyyoota biroo hin deeggarru, dawoos hin ta’uuf.

Lammileen Ameerikaa mootummaan Ameerikaa weerarri koronaavaayirasii balaa guddaa otoo hin qaqqabsiifsiine to’achuu dadhabe jedhanii mootummaarratti akka ka’an gartuun al-Qaa'idaa waamicha dhiyeessee ture.

Haata’u malee, lammiileen Ameerikaa haleellaa godaannisa hin dagatamne gartuun raawwatan waan qabaniif wajjin hiriiru jedhanii yaaduun nama rakkisa.