'Alaabaa keenya bilsoomsuuf ni qabsoofna' Uummata ganamaa Awustiraaliyaa

Alaabaa uummata ganamaa(Aboriginal)

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Alaabaa uummata ganamaa(Aboriginal)

Alaabaan uummata ganamaa Awustiraaliyaa (Aboriginals) halluun isaa Gurraacha, Diimaa fi Keelloodha. Gurraachi uummata, diimaan hariiroo dachee waliin qaban, akkasumas keelloon gidduutti argamtu ifa biiftuu bakka bu'u.

Warri Awurooppaa bulchiinsa bara kolonii isaanii keessatti uummata ganamaa hedduu dararanii kaan lafasaanii irraa fudhataniiru.

Kumaa kitilaan kan lakkaa'aman dachee handhuurasaaniirratti garba ta'anii jiraachuuf dirqamaniiru.

Uummanni ganamaa kun kan alaabaan amma jiru, kan gita bittootaa, mallattoo warra nama dararaniiti jedhanii waan amananiif bakka nu hin bu'u jechuun mormu.

Alaabaa kana riqichaawwan Awustiraaliyaa keessa jiran, gamoowwan akkasumas huccuu irrattillee arguun waan baratameedha.

Alaabaan kun duratti akka mallattoo diddaatti ilaalamaa ture.

Yeroo ammaa garuu uummata ganamaa Awustiraaliyaa(Aboriginal) bakka bu'uun akka biyyaattis beekamtii argateera.

Bara darbe wayita alaabaa kana qabachuu fi itti fayyadamuun dhorkaa ta'uun himamu uummanni kunneen hedduunsaanii bitaa itti gale.

Namoota muraasa qofatu alaabaan kun dhimma abbaa qabeenyummaa(copy right)'n shiraa fi dabaan xaxamee jiraachuu hubatan.

Kubbaaniyyaawwan uummata ganamaa(Aboriginal) huccuu fi meeshaalee biroo irratti alaabaa kana chaappessuuf warra kaan irraa iyyama gaafatu.

Haalli kun namoota hedduu mufachiise, dheekkamsiiseeras.

Uummata ganamaa Awustiraaliyaa(Aboriginal) bakka bu'uun paarlaamaa keessa kan jiran Liindaa Barne, alaabaa kana harkaasaaniirratti faayatanii argaman.

Alaabaa kanas ta'e, mallattoon alaabaa kanaa ukkaamfamee nu harkaa fudhatameera jechuunis dubbatan.

Haala kanaan muddama hamaa keessa kan seene mootummaan Awustiraaliyaa, abbaa qabeenyummaa alaabaa kanaa to'achuuf yaalus gama aadaa fi seera wal-simsiisuutiin qormaati isa mudateera.

Haalli kun akkamiin uumame?

Alaabaawwan biyyalessaa addunyaarra jiran irraa adda isa godhu, alaabaan inni kun kan mootummaa biyyattii miti.

Abbaan qabeenyaa alaabaa kanaa aartistii beekamaa Haaroldi Toomaas.

Aartistiin kun alaabaa kana kan kalaqe bara 1971tti wayita sochiin bilisummaa gaggeeffamaa turetti.

Aartistiin kun mirga abbaa qabeenyummaa(copy right) alaabaa kanarraa guutummaatti qaba.

Mirgasaa kanas kan mirkaneeffate adeemsa seera bara 1990oota keessa tureeni.

Ergasii hanga ammaatti kubbaaniyyaawwan garaagaraa akka alaabaa kana oomishan walii galteerra ga'eera.

Waggoota lama dura warshaa huccuu 'WAM' jedhamu waliin walii galtee tokko mallatteessee ture.

Bu'uura walii galtee kanaanis warshaan kun alaabicha huccuurratti akka chaappessu, miidiyaalee garaagaraa irrattis akka itti fayyadaman mirga kan kenneef ture.

Alaabaa kana kan hojjete aartist Haarold Toomaas

Madda suuraa, Fairfax Media via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Alaabaa kana kan hojjete aartist Haarold Toomaas

Akka warshaalee kanaan dura turaniitti osoo hin taane, warshaan inni kun walii galtee kana kabachiisuuf mirga seeraan qabutti fayyadamuuf haalaan socho'aa tureera.

Dhaabbileen uummata ganamaa(Aboriginal) tolaan hojjetan hedduunis kubbaaniyyaan kun mirgi seeraan qabu osoo hin hafin akka itti fayyadamaa jiru kan hubatanii fi akka itti hin gammadne ibsaa turan.

Dhaabbata huccuuwwan alaabaa kana ofirraa qabu gurguruun maallaqasaa tajaajila wal'aansa fayyaaf oolchu kan hooggantu dubartiin Gunditjmara Lawwuraa Toomsan,''Huccuuwwan alaabaa kana ofirraa qaban guyyoota sadi keessatti gurguruu akkan dhaabu abbootiin alangaa xalayaa dhorkaa mana murtiirraa fudhatanii dhufan natti himaniiru'' jetti.

Akeekkachiisaa fi sodaachisa seeraa kanaan kan dheekkamte Laawuraan 'Alaabaa keenya bilisa ni baasna'' duula jedhu eegalteetti.

Marsariitii irratti sagaleewwan 150,000 walitti qabdeetti.

Kunis bara darbe paarlaamaa biyyattiif dhiyaate ture.

''Namni dhuunfaa yookiin dhaabbati tokko akkamiin alaabaan kiyya jedha?Alaabaan kan uummata ganamaati. Alaabaasanii fayydamuuf hoo akkamiin kaffalu?'' jechuun yeroo tokko BBCtti himte turte.

''Alaabaan kun jireenya uummata keenyaa bakka bu'a. Alaabaan Awustiraaliyaa kan keenya jennee hin yaadnu, sababni isaa mallattoo kolonii fi ajjeechaa waan ta'eef bakk nu hin bu'u.'' jetti.

Duula alaabaa bilisoomsuu kan eegalte Laawuraa Toomsan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Duula alaabaa bilisoomsuu kan eegalte Laawuraa Toomsan

"Alaabaa keenya ol kaasnee kan har'aan geenye nu'i'' kan jettu Laawuraan warshaa huccuu WAM jedhamu alaabaa kanatti fayyadamuuf mirga bu'uura seeraa qabu qabaatus isheen garuu diddaashee itti fufteetti.

Kanneen uummata ganamaa(Aboriginal) hin taane alaabaa mallattoo uummata ganamaa ta'etti fayadamuun madda maallaqaa dansaa argatanii nutti qoosu jechuunis qeeqxe.

Bara darbe aanga'oonni siyaasaa fi mormitoonni mormii bilisummaa alaabaa keessatti hirmaachuu eegalanii turan.

Keessattuu kilaboonni kubbaa miilaa fi raagbii biyyattii alaabaa argachuuf jecha warshaa huccuu kanaaf kaffaluu hin qabnu jechuun ijoo dubbii ta'ee ture.

Kilabonni kunneenis duula alaabaa keenya bilisa yaa baasnu jedhutti makamaniiru.