Haati warraafi abbaan warraa adii dubartii gurraattii shugguxiin doorsisan himataman

Madda suuraa, Twitter
Abbaan warraa fi haati warraa warra adii keessaa tahan bakka dhaabbii konkolaataa keessatti wal dhabuun dubartii gurraattii ijoollee ishee waliin turtetti qawwee baasuun sodaachiste himataman.
Viidiyoon gochaa kana agarsiisu Ameerikaa kutaa Oriyoon naannoo Detiroot cinatti waraabame miliyoonota hedduu daawwatameera.
Viidichi akka agarsiisutti dubartiin Jiiliyaan jedhamtu shugguxii qabachuun asii deemi jettee iyyiti.
Abbaan seeraa naannichaa Mikaa'el Boochaardi akka jedhutti wal dhabdeen sun galma mana nyaataa irratti walitti bu'insa uumame irraan eegale.
Abbaan manaa fi haati manaa lama tahanii qawwee baafataniiru. Maatiin gurraachi achi turan sun garuu meeshaa waraanaa homaa of harkaatii hin qaban jedhe abbaan seeraa.
Kanaaf lamaan isaaniiyyuu abbaan warraa fi haati warraa himatamuu ibse.
Dubartiin ganna 32, shamarree ganna 15 Makayilaa Giriin jedhamtutti yeroo dhaadattu haati shammarree sanaa Takeliyaa Hiil ammoo dhiifama gaafataa turan.
Kana gidduutti shamarree Makaliyaa fi haati ishee viidiyoodhaan waraabaas turan.
Booda Wustenbergi konkolaataa abbaan warraashee oofu seentee dubbiin ho'aama waan deemeef shugguxii ishee fudhattee baatee shamarree ganna 15 Makayilaa fi haadha isheetti qabde.
Namoonni baay'een poolisii waamuun lamaan isaanii jechuun abbaan warraa fi haati warraa to'annoo jala oolan.
''Mee xiqqoo ishee wal haa dandeenyu. Deebii walii kennuuf ariifachuu osoo dhiisne.
''Yoo namni tokko dogonggora hojjete ani maatii koo fi hiriyyoota koo kaniin gorsu mee yeroodhaaf irraa haa galagallu ykn haa dhiifnu'' jechuun dubbate ibsa miidiyaaf kenne irratti abbaan seeraa kun.
Hojii gaggeessaa ol-aanaan Oklaandi Deevid Kuulter waan taheen hedduu akka jeeqame ibse.
''Naamusa fudhatama hin qabnedha. Abbootiin alangaa himata hammina yakkichaa ibsu irratti dhiyeessu jedheen abdadha'' jedhe.
Dubartiin himatamte kun erga wal dhabdee keessa galanii nuyi warra sabummaa leellisan miti jechuunis aariin akka dubbattu viidiyicha irraa argameera.
Ameerikaatti Joorji Filooyid lammiin Ameerikaa gurraachi poolisii adiin ajjeefame hookkara fi mormii cimaa kaasuun qabeenyi guddaan manca'uunsaa taatee yeroo dhihooti.













