Namichi siidaa yaadannoo PC Palmeritti fincaa'e hidhaa bu'e

Madda suuraa, Alamy Live News
Namichi siidaa yaadannoo PC Keeyiz Paalmeriif Landan Westiministeritti ijaarametti finca'uu isaatiif hidhaa bu'e.
Namni maqaan isaa Andiriiwu Baankis jedhamu kun dhugee machaa'ee ture akka himata mana murtiitti dhaga'ametti.
Namni umuriin isaa waggaa 28 ta'e kun Sanbata darbe yeroo mormitoonni farra jibba sanyummaa siidaawwan durii diigaa turanitti ture osoo siidaa yaadannootti fincaa'aa jiruu kan argame.
Namichi kun mana murtii Westiministeritti dhiyatee safuu ummata cabsuudhaan yakkamaa ta'ee akka guyyaa 14 hidhaa turuuf itti murameera.
PC Paalmer nama umuriin isaa 48 tureefi Bitootessa 22, 2017 osoo hojiirra jiruu haleellaa Westiminister turerratti waraanamee ajjeefame.
PC Paalmer namoota shan Kaliid Masuuniin ajjeefaman keessaa tokko ture.

Madda suuraa, Elizabeth Cook
Suurri Baankis Sanbata darbe yeroo Landan walakkaatti poolisoonniifi mormitoonni farra-sanyummaa walitti bu'aa turan miidiyaa hawaasumaarra hedduu naannawaa ture.
Baankis deggaraa kilaba kubbaa miillaa Tootinhaam Hotispar yommuu ta'u, deggartoota kubbaa miilaa waliin ta'uun ture "siidaawwaniif eegumsa gochuuf" gara magaalaa Landan walakkaa kan deeme. Siidaa isa kam akka ta'e garuu hin beekne.
Yaada mana murtiitti kennateen Jimaata galgala waan dhugeef hirriba malee bule.
Erga abbaan isa gocha isaa kanaaf mormee booda Baankis poolisii qunnamee ture.
Baankisiin erga hidhee booda, Abbaan Alangaa Ol-aanaa Emmaa Arbuutnot akkas jedhan: "Akka ati machooftee eessatti akka fincaa'aa turte hin bekknme nan fudhadha.
"Ibsi ati kennite [haraqee] dhuguuk kee, halkanis osoo hin rafiin buluu keefi garee deggrtoota kubbaa miilaa waliin ta'uudhan siidaawwaniif eegumsa gochuudhafis dhufaa turtan.
"Faallaa kanaatiin ammoo siidaawwaniif eegumsa taasisuu osoo hin taane, siidaawwan keessaa tokkorratti fincoofteetta."

Madda suuraa, Staci Martin
PC Paalmer miseensa poolisii magaalaa Landan ture. Miseensi poolisiin kun fuuldura paarlaamaatti ture bara 2017 kan ajjeefame.
Dursaan poolisii magaalaa Landan Baas Jaaviid waa'ee PC Paalmer akkas jedhan: "Keeyiz Paalmer poolisii goota ture. Siidaan yaadannoo kunis gootummaafi cimina nama kanaa yaadachuuf dhaabbate.
"Gochi Baankis garuu faallaa kanaatiin, kan baayyee nama jibbisiisuuf, matiifi jaalleewwan PC Paalmer baayyee kn haarsudha Banks.
"Baankis ta'e jedhaa akka kana hin goone nan hubadha. Ta'us garuu manni murtii hojii isaa kanaafi amala isaa badaa kanaaf kana itti murteessuu isaa nan deeggara."














