Naajeeriyaatti namichi waggaa tokko keessatti dubartoota 40 dirqamaan gudeede to’atame

Naajeeriyaa magaalaa kutaa bulchiinsaa Kaanootti argamtu keessatti namichi waggaa tokko keessatti dubartoota 40 dirqisiisee gudeedaa ture to'atamuun ibsame.

Magaalaa Daangoraa Kaaba Naajeeriyaatti argamtu keessatti haati tokko namicha kana ijoolleeshee waliin kutaa ciisichaasaanii keessatti akka qabatte dubbi himaan poolisii Abdulaahii Haaruunaa dubbataniiru.

Namichi kun yeroodhaaf miliquu yaalus hollaan birmatee hordofamuun erga qabamee booda to'annoo jala oolfamuu isaa dubbi himaan poolisii kun ibsaniiru.

Akka poolisiin jedhetti namichi kun dubartoota umuriin isaanii waggaa 80 ta'anii hanga daa'imman waggaa kudhanii dabalatee yakka dirqisiisanii gudeeduu irratti raawwateera.

Miidhaan dubartootarra gahaa jiru dhiyeenya kana Naajeeriyaatti dheekkamsa jabaa kaaseera. Kanarraa ka'uunis, namoonni kuma hedduutti lakkaa'aman mallattoo walitti qabuudhaan [We are tired] mata-duree jedhuun yakkawwan dirqisiisanii gudeeduufi ajjeechaa dubartootarratti raawwatamu mormaniiru.

Nuffineerra, nu gaheera jehaniiru.

Daangoraan Naajeeriyaatti Kutaa Bulchiinsa Kaanoo keessatti magaalaa argamtu yoo taatu, Kaanoorraa km 85 faggaatti.

Naannoon sun magaalaa irraa kan fagaatee argamu waan ta'eef poolisiin dafee qaqqabuudhaaf mijataa akka hin taane rippoortarri BBC Mansuur Abubakar gabaaseera.

"Namichi kun to'atamuun isaa tarkaanfii gaariidha. Yeroo kanatti jiraattonni Daangoraa baayyee gammadaniiru; haqni sirriin ni argamas jennee abdii qabna," jechuun dubbatan bulchaan magaalattii Ahimaaduu Yaahuu.

Jiraattonni naannoo sanaas dallaarra utaalanii seenuudhaan namoonni dubartoota gudeedan akka jiran dhaga'anii waggaa darbe manuma ofii keessa ta'aniillee yaaddoodhaan akka dabarsan ibsaniiru.

"Amma ija keenya dunuunfannee rafna," jechuun dubartiin tokko BBCtti dubbatteetti.

Bu'aan qorannoo bara darbe Naajeeriyatti gaggeefame tokko akka agarsiisetti, dubartoota biyyattii keessatti argam sadii keessaa tokko hanga umuriin ishee waggaa 25 qaqqabutti yoo xiqqaate si'a takkaa miidhaan saalaa ishee mudata.

Dubartoonni miidhaan akkasii irratti raawwatamus soda qoollifannaa maatiin irraan gahuu danda'anii , sirna haqaarraa amantaa dhabaadhaafi sababiiwwan biroorraa kan ka'een yakkawwan dirqisiisanii gudeeduu Naajeeriyaa keessatti seeratti hin dhiyaatiin hafu.