Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naayijeeriyaatti mucaa durbaa ganna 12 gudeeduun namootni 12 to'annoo jala oolan
Kaaba Lixa Naayjeriyaa kutaa biyyaa Jigaawaatti mucaa dubraa ganna 12 ji’oota lamaaf gudeeduun shakkamuun namootni 12 to’annoo jala oolaniiru.
Namni ganna 57 dubara ganna 12 kana gowwoomsee bakka dhokataatti qunnamtii saalaa waliin gaggeessuuf akka yaale himannaa isaan ga’uu isaanii poolisiin bulchiinsa Jigawa ni himu.
Yeroo poolisii waliin gaffiifi deebii gaggeessitetti dubarri kun namootni 12 ji’oota lamaaf akka ishee gudeedaa turen ibsite.
Intalli dubraa kun yeroo hospitaala geeffamtetti qorannoon gudeedamuushee mirkanessu akka argame poolisiin BBCtti himeera. Himannaa kanarratti qorannoon gaggeeffamaa jira.
Gochi kun yakka adda addaa lamaan Naayijeeriyaa keessatti dubartoonni lama ajjeefamuun uummati dheekamuu isaan booda dhufe. Torban darbe barattuun ganna 22 ajjeefamteetti.
Uwavera Omozuwa magaalaa Benin keessatti mana amantaa 'callisaa keessa utuu teessee qayyabachaa jirtuu gudeedamtee akka ajjeefamte, obboleettin ishee ni himti.
Ta’us garuu poolisiin yakka kana akka ajjeechaatti malee gudeeddiif qorachaa akka hin jirre himu.
Torbanuma sana keessa shamarreen ganna 16 Tina Ezekwe Leegoos keessatti dhukaasa poolisiin erga ajjeefamtee booda hawaasi dheekkamee ture.
Yakka kanaan kan shakkamaan poolisonni lama to’annoo jala ooluusaanii anga’oonni himaniiru.
Dhaabbatti mirga namoomaaf falmu Amineestii Intarnaashinaal akka jedhutti Naayijeeriyaa kessatti gudeeddiin yakka ta’uus, lakkoofsi dubartoota gudeedamanii kan dabalaa jiru sababa seera kabachiisuun hojiirra hin oolleefi.
Biyyittiin lakkoofsa namoota yakka gudeeddii fi xuxuqqaa saalaa himatamanii seeratti dhiyaatan gadaanaa qabdi.