Magaalaan Miniyaapoolis damee poolisii diiguuf

Demonstrators marching to defund the Minneapolis Police Department dance on University Avenue on June 6, 2020 in Minneapolis

Madda suuraa, Getty Images

Miseensonni mana maree magaalaa Miniyaapoolis harki caalu gurmuun dame poolisii amma magaalattii keessatti hundaa'ee hojiirra jiru akka diigamuuf walii galaniiru.

Tarkaanfiin kunis kan fudhatame ajjeechaa Joorji Filooyid ji’a darbe keessa haala suuukanneessaan raawwate booda dheekkamsa uummataa haala rifaasisaa ta’een mudate ilaalchisuuni.

Miseensota mana maree 13 keessaa sagal magaalaa olaantummaa seeraa kabachiisuuf jedhee jibbiinsa sanyummaan himatamaa jiru kana keessatti ‘malli nageenya hawaasaa ittiin eegsisan haaraan hundaa’uu qaba’ jedhaniiru.

Kantiibaan magaalattii Jacob Frey sochii kana dura dhaabbachuusaaniitiin akkaan qeeqamaniiru.

Hiriirri balaaleffannaa jibbiinsa sanyii kan eegale erga Joorji Filooyid harka poolisiitti hiraarfamee ajjeefameeti.

Torbeewwan darban keessa hiriirri kun heddumminaan gaggeeffamaa turullee kaleessarraa eegalee garuu salphataa waan dhufeef tarkaanfiin waraanaallee hir’ateera.

Poolisii adiin gurraacha Afriikaa ganna 46 jilbasaatiin irra ejjetee osoo namni ilaaluu adda babayiitti ajjeese Derek Chauvin hojiirraa kaafameera, yakka ajjeechaatiinis himatameera.

Waahilli poolisii achi turan sadan biroonis hojiirraa kaafamaniiru, waan isa deggeraniifis himatamaniiru.

Miseensonni mana maree magaalaa Minneapolis erga poolisii duraanii diiganii haaraa hundeessuuf walii galanii booda yaadasaanii hawaasaaf dhiyeessaniiru.

Pirezidaantiin mana marechaa Lisa Bender sirni bulchiinsa poolisii fi gurmuun poolisii amma jiru nageenyummaa hawaasa keenyaa eeguu waan hin dandeenye murtee kanarra geenyeerra jedhan.

Ajjeechaan poolisiidhaan bakkaa bakkatti raawwatu dhaabbachuu qaba kan jedhan qondaalli kun ammarraa eegalee baajata poolisii gara eegumsa hawaasaatti geeddaramuuf jira jedhaniiru.