Dhalattoota Somaalii waan Waaqatti hin amanneef doorsisni ajjeechaa irra gahu

Fakkii nama dhiiraa

Dhalattoonni Somaalii Waaqatti hin amanne (atheist) kan biyya alaa jiraatan garee Feesbuukii bananii amantii Islaamaa hawaasa isaanii falmu. Haa tahu malee yeroo baayyee doorsisni ajjeechaa akka irra gahu dubbatu.

‘’Nan si ajjeesa, sin argadha.Mataa kee sirraa kuta,’’ faa naan jedhu jedha Ayaanal jiraataan Kaanaadaa Waaqatti hin amanne. ‘’Garuu kun baramaa dha,’’ jedha Hundeessan fuula feesbuukii True Somali Freedom Page Ayaanal.

Gareen Feesbuukii miseensota 80,000 ol qabu warreen Waaqatti hin amannee fi kana dura Musliima turaniin hogganama.Kana dura waa’ee amantii haasa’uuf waltajjii baname yoo tahu, boodarra garuu lammiileen Somaalii sababii aadaa isaaniitiin dhiibaman akka bilisummaa argatan jabeessuutti jira. Ayaanal maqaa guutuu himachuu hin barbaanne.

Akkatti warraaqsi kun jalqabe garuu dubbata. ‘Garee keessaa ari’ame’Bara 2016 keessa gareewwan Feesbuukii lammiilee Somaalii yoon barbaadu kan haasaafi falmii bilisaa jajjabeessu argachuu yaadeeti tokkotti makame. ‘’Waa’ee amantii yeroon haasa’uu jalqabu namuu natti iyye.

Waanuman nama ajjeese natti fakkeessan.‘’ Garee sana keessaa suuta jedhanii na baasan, gareewwan Feesbuukii Somaalii keessatti yaada addaa ibsita taanaan keessaa si baasu,’’ jedha. ‘Iddoo bilisaa’Kana booda Ayaanal furmaati inni qabu tokko waltajjii haaraa, seera haaraa waliin kalaquudha.

‘’Garee Feesbuukii kana kanin kalaqe namoonni waan dubbachuu barbaadan bilisaan akka dubbataniifi.’’ Somaaliyaan waggoota dheeraaf waraanarra erga turteen booda waa’ee amantii haasa’uun akka malee daangeffamaa tahuun Ayaanaliif kaka’umsa tahe.‘’Islaamummaan kan hin tuqamnedha.

Waa’ee Islaamaa qeequu yookiin waa tokko jechuu hin dandeessu. ‘’Si’ana garuu dargaggoonni geeddaramaa jiru,falmii fi qeeqa dhagahuuf fedhii agarsiisu ‘’Haa tahu malee warreen Somaaliyaa keessatti guddatanii yeroo waraanaafi waraana Somaaliyaan booda dhufan namni Islaamummaa qeeqe ajjeefamuu qaba yaada jedhu deeggaru.

Sirriidha jedhaniis amanu,’’ jedha‘’Kanaafidhas annillee doorsisni ajjeechaa kan narra gahu,’’ ‘’Kan ani barbaadufi garee Feesbuukiis uume Islaamummaan kan hin tuqamne akka hin taane agarsiisuuf.

Islaamummaa mormuun, qeequu, falmuu fi waa’eesaa dubbachuun ni danda’ama,’’ jedha. Somaaliyaa fi Somaalilaanditti amantii ganuun yakka hidhaa nama buusudha. Gareen Feesbuukii TSFP immoo kana ni morma.

Barsiisaan yunivarsiitii Maahaamuud Jamaa Ahimad-Haamiid jedhamu yeroo ‘hongeen mudatu waaqatti sagaduun furmaata fidaa?’ jedhee feesbuukii isaarratti barreessina bara 2019tti hidhaa bu’eera.

Fakkii nama lamaa

Gareen Feesbuukii kun nama kanaaf duula adeemsisuun qarshii walitti qabeeraaf. Pireezidantii irraa dhiifama argatee otoo hin hiikamiin dura baatii 10'f hidhaa tureera. Garuu ammallee doorsifamaati jiraata.

Imaamni beekamaan biyyattii akkanni ajjeefamu gaafatanii turan. Kuni Somaaliyaa keessatti amantii mootummaan walkeessa jiraachuu isaanii agarsiisa.Somaaliyaatti warreen Waaqatti hin amanne dabalatee, Kiriistaanotaa fi jaalattoonni saala wal-fakkataa eenyummaan isaanii akka hin baane sodaadhaan jiraatu.

‘’Gareen kun warreen kanaaf iddootti bilisaan dubbatan qofa osoo hin taane iddoo baqannaa isaaniiti,duula adeemsisuun qarshii tikeetii balalii isaaniif bituu dabalatee,baasii jireenyaallee isaaniif kaffala.’’

‘’Dubartii Somaalii Kiristaana taate amantii Isalaamaa qeequun doorsisin ajjeechaa irra gahee Keeniyaa keessatti konkolaataa irra yoo darbamtuu viidiyoon agarsiisu hawaasa Somaalii keessa naanna’aa ture. Isheef iddoo nagaan jiraattu akka deemtu haala mijeessineerraaf ,’’jedha hogganaan garee kanaa.

Warreen garee kanatti miseensa tahan eenyummaan isaanii akka beekamu hin barbaadan sababiinsaa immoo du’a waan sodaataniif.

Kaah Diin immoo falmattuu mirga dubartootaa yoo taatu garee feesbuukii fi chaanalii yuutubii dhimmoota hawaasa Somaalii ilaalatan irratti marii gaggeessiti.Sababii Waaqatti hin amanneef doorsisni fi yaaliin ajjeechaa biyya Noorweey jiraattu keessaatti irra gahus warreeeen doorsisa kana irraan gahan to’annoo jala oolaniiru.

Ayaanal kaayyoon keenyi lammiilee Somaalii amantii Waaqatti hin amanetti geeddaruu otoo hin taanee bilisummaa yaada ofii ibsuu jajjabeessuudha. Kanaanis namoota nu deeggaran argataa jirra eenyummaa keenya Somaalii tahes akka dhiifnetti nutti hin dhagahamu jedha.