Aminastii Intarnaashinaal: 'Gabaasni Aminastii garaa nun geenye jedhan Paartiifi Koreen saba Qimaant

Madda suuraa, Reporter/Nahom Tesfaye
Ibsa torban dabre Aminastii Intarnaashinaal gabaasa baaseerratti Koreen Giddugaleessaa Saba Qimaantifi Paartiin Demokraatawaa Qimaant deebii kenneen, gabaasichi waan nurra gahe himus, garaa nun geenye jedha.
Aminastiin humnoonni nageenyaa mootummaa Itoophiyaa naannoolee Amaaraafi Oromiyaa keessatti sarbama mirgoota namoomaa taasisan jedhe gabaasa fuula 50n qixeessee baase.
Erga gabaasi kun bahe guyyaa jalqaba baheerraa eegalee dhimmi ijoo paartilee siyaasaa, rogeeyyiifi mootummaa biyyattii tahee ture.
Mootummoonni naannooleefi federaalaa Itoophiyaas gabaasni kun dharaafi gartokkeedha jechuun balaaleeffataniiru.
Gabaasicha keessatti mata-dureewwan ijoo kahan keessaa dhimmi saba Qimaant isa tokkodha.
Akka gabaasi kun jedhutti, naannoo Amaaraa Aanaalee Quwaaraa, Mattammaafi Cilgaatti miseensonni poolisiifi milishoonni naannichaa hawaasa Qimaantirratti miidhaa geessisaniiru.
Miseensonni raayyaa ittisa biyyaa yeroos achi turan wal dhabdee uumame dhaabsisuuf tarkaanfiin isaan fudhatan hin jirus jechuun himata.
Akka gabaasa kanaatti Amajjii 2019 sa'aatii 24 osoo hin guutiin namoonni 58 ajjeefamanii jumlaadhaan awwaalamaniiru jedha.
Deebiin qaamolee kanaa maali?
Gabaasni Aminastiin torbee darbe, ''Sarbama mirga namoomaa saba Qimaantirra gahe, haala rakkisaa keessattis tahu, saaxiluu isaatiifi mootummaan sirreeffama akka fudhatu gorsa kenneef guddoo galatoomfanna,'' jedha ibsi qaamoleen kun baasan.
Dubbi himaan Paartii Demookraatawaa Qimaant Luba Yirgaa Tashaagar akka BBCtti himanitti, ''gabaasichi saba cunqurafamoo akka keenyaa, miidiyaa dubbatuuf hinqabneef, gammachuun simanne- dhaabbatichas galateeffachuu barbaanna,'' jedhan.
Waldhabdee hawaasa Amaaraafi Qimaant gidduu ALA 2018 -2019 keessa tureen gabaasichi, poolisiin naannoo Amaaraafi milishoonni naannichaa wayita saba Qimaant irratti haleellaa geessisanitti, waraanni dhiyeenyarra ture haalicha tasgabbeessuuf tarkaanfiin fudhatan hinjiru jechuun, wanti Aminastiin gabaase sirriidha jedhan.
'Sarbama mirgoota namoomaan olidha?'
Ibsi dhaabbilen lamaan kun baasaniifi akka Luubni Yirgaa nutti himanitti, gabaasa kana akka jalqabbiitti kan ilaalan tahuufi wantoonni eeraman gahaa akka hin taane dubbatu.
Rakkoon sabicharra gahe gocha sarbama mirgoota namoomaan ol ta'ee, sadarkaa miidhaa sanyiirra kan gahedha jedha.
Ibsa keessattis gabaasni kun dararaa nurra gahe guutummaan kan agarsiisu miti jedha.
''Aanaalee gabaasicha keessatti eeraman dabalataan taateewwan magaalaa Gondar, Aanaalee Gondar Zuuriyaafi Laay Armaacihootti mudataniifi ajaja mootummaan gocha duguuggaa sanyii nurratti raawwatan hin agarsiisne,'' jedha.
Gochaan kun ka mudate kaka'umsa qaamolee nageenyaan osoo hin taane, qindeessummaa mootummaan raawwate jechuun himata koreen kun.
Dhaabbanni kun dabalataan gocha kana gara fuuladuraatti qorachuun akka ifa godhus waamicha dhiyeessaniiru.
Kana malees, gochaa 'duguuggaa sanyii' taasifame kan jedhaniif fakkeenyoota 14 kaasuun ibsa keessatti tarreesseera koreen kun.
Isaan keessaa:
- Lakkaawii lakkoofsa uummataa ka dhumaa ALI 1999tti Itoophiyaan gaggeessite irratti akka saba tokkootti otoo hin taane, koodiiwwan 'kanneen biroo' fi 'Amaaraa' jedhamuun lakkaa'amne. Isaan dura garuu koodii mataa keenyaan lakkaa'amaa turre.
- Hidhaafi ajjeechaa jumlaa walirraa hincinne.
- ALI 2011tti dhalattoonni Qimaant buufata poolisii keessa turan keessaa baasuun ajjeefamaniiru.
- Baruma sanatti magaalaa Ayikalitti namoota waldhabdeen miidhaman yaaliif wayita deemaa turanitti, humni addaa naannichaa daandiirra dhaabsisuun ajjeesaniiru.
- Hojjettoonni mootummaa dhalattoota Qimaant tahan, waajiraalee mootummaa sabichi hedduumminaan keessa hin jiraanne keessa hojjetan irratti dararaa guddaatu gaha - buqqisuu, mindaa dhaabuu, hidhuu, ajjeesuufi kanneen biroo.
Sabni Qimaant eenyu?
Sabni Qimaant irra jireessaan naannoo Amaaraa Godinaalee Lixa Gondar fi Giddugala Gondar, aanaalee saddeet keessatti argamu.
Sabni kun naannoo Amaaraa keessa haa jiraataniyyuu malee afaan , aadaafi duudhaa saba Amaaraarraa adda tahe qabu.
Afaan isaanis Qimaant ka jedhamu yogguu tahu, namoota muraasaan kan haaswamuufi afaanota balaan baduu mudate jedhaman keessaati. Hiddi saba kanaas hidda saba Agaw waliinis hidhata akka qabu himama.
Gaaffii eenyummaafi mirga ofiin of bulchuu bara dheeraaf gaafachaa akka turan kan himan dhalattoonni saba kanaa, gaaffilee ijoo isaan kaasan keessaa, Bulchiinsa Naannoo Amaaraatti Godina Bulchiinsa Saba Qimaant ofii hundeessuudha.
Dhalattoonni saba kanaas bulchiinsaafi qaamolee nageenyaa naannoo Amaaraa irraa dararaan nurra gahaa jira jechuun gama miidiyaalee garagaraan komiisaanii dhiyeessu.
Komiin irra deddeebiin dhalattoonni saba kanaa kaasan lakkaawii lakkoofsa uummataa ka dhumaa ALI 1999tti Itoophiyaan gaggeessite irratti akka saba tokkootti otoo hin taane, koodiiwwan 'kanneen biroo' fi 'Amaaraa' jedhamuun lakkaa'amne jedhu.
Koreefi paartii hundeessuunis gaaffiisaanii mootummoota naannoofi fedeeraalaaf dhiyeeffachaa turaniiru.















