Itoophiyaan dhugummaa gabaasa Aminastii Intarnaashinaal qorachaa akka jirtu beeksiste

Abbaa Alangee Federaalaa Adaanach Abeebee

Madda suuraa, Adanech Abiebie/FB

Mootummaan Itoophiyaa gabaasa tibbana gareen mirga namoomaa Aminastii Intarnaashinaal baase irratti qorannoo taasisaa akka jirtu beeksise.

Abbaan Alangee Federaalaa Adaanach Abeebe ''Mirga namoomaa kan kabajnuufi kabachiifnu haqaafi ummata keenyaaf jenneeti,'' jechuun gabaasicha qorachuun maaliif akka barbaachisu fuula fesbuukii isaanii irratti barreessaniiru.

Gabaasicha booda qaamni mootummaa federaalaa yaada yeroo kennu kuni kan duraati.

Kana dura Naannoon Oromiyaafi Naannoo Amaaraa ''gabaasa guutuu miti. Loogii qaba,'' jechuun gabaasicha akka hin fudhanne ibsaniiru.

Dhaabbatichi qorannoo taasise irratti mootummaan qorannoo taasisee deebii kennuuf osoo juruu gidduutti ibsichi bahe jechuun Aadde Adaanach himaniiru.

Dhaabbatichi gama kaaniin deebii mootummaa eegaa erga tureen booda gabaasicha gadhiisuu isaa ibseera.

''Hojiin dhugummaafi walabummaa gabaasa Aminastii Intarnaashinaal erga qoratamee booda akka mootummaan fudhatu,'' ibsaniiru.

Bakka soba ta'e yookiin arbeefamuu kan gabaafamee yoo ta'e immoo dhaabbaticha waliin mari'achun sirreeffamuf akka yaalamu ibsaniiru.

Yoo ta'u baate ummanni Itoophiyaafi addunyaan akka baru ni taasifna jedhaniiru.

Gabaasichi maal jedhe?

Erga MM Abiy Ahimad aangootti dhufani as gabaasa duraa baaseen Aminastiin hidhattoota mootummaa lammiilee nagaa 39 seera dura osoo hin dhiheessuun ajjeese jechuun himateera.

Kanneen Godina Gujiitti haala kanaan ajjeefaman keessaa tokko bilbilli isaa walgahii irratti waan iyyeef qofa kan ajeefame akka ture eera.

Gama kaaniin, ajjeechaa saba Qimaant irratti raawwaten hidhattootta kan himate yoo ta'u qaamoleen mootummaas osoo dhaabsisuu danda'ani itti dhiisani jechuun himateera.

Haa ta'u malee, ajjeechaawwan hedduu biroo Muddee 2011 - Muddee 2012 raawwatan gabaasa keessa hin jirani.

Dabalataan badii hidhattootaan qaamolee nagaafi qaamolee mootummaa irratti gahu hin gabaasne jechuun mootummaan Naannoo Oromiyaa walabummaa gabaasa kanaa gaafateera.

Hogganaan Biiroo Bulchinsaafi Nageenya Oromiyaa tibbana akka ibsetti bakkeewwan hidhattoonni sosso'an kanatti turtii waggaa tokko ol keessatti namoonni 770 du'anii yeroo argaman, kanneen 1,344 ammoo miidhamaniiru jedheera

Dabalataan, 72 kan ta'an hidhattootaan ukkaamfamaniiru jechuun ibsuun isaanii ni yaadatama.