Viidiyoon poolisii Indiyaa nama bade maatiitti deebise

R Venkateshiwarlu ilmasaafi poolisii waliin
Ibsa waa'ee suuraa, R Venkateshiwarlu ilmasaafi poolisii waliin

Vidiyoon miidiyaa hawasummaa TikTok irratti namootni akka wal gargaaran jajjabeessuuf ba’e haala hin yaadamneen nama bade tureefi maatiisaa walitti deebise.

Waggoota lamaaf badee kan ture R. Venkateshiwarlu, 2000km mana isaa Telanganaa irraa fagaatee viidiyoo riqicha jalatti waraabame irratti argame.

Hiriyyaan tokko maatii isaanitti erga himee booda isaan ammoo poolisii bulchiinsa Punjaab qunnamuun akka isaan walitti fidaniif gargaarsa gaafatan.

“Yeroon jalqaba isa arge nan boo’e,” jechuun ilmi isaa BBCtti himeera.

Akkamiin manaa bade?

Rakkoo dhageettiifi haasa’uu kan qabu R Venkateshiwarlu, bara isaa guutuu ganda Bulchinsa Telangana jirtu keessa jiraate. Hojii humnaa kan hojjetu R, hadha warraafi ijoolle shan qaba.

Ebla 2018, ganda biraa deemee hojjachuuf konkolaataan imaluu eegale.

“Abbaankoo imalacharratti hiribbi isa fudhate, konkolaachisaan ammo akkani jiruyyu hin beekne ture. Kiloomeetiraa hedduu booda konkolaachisaan kun abbaankoo jiraachuu isa yeroo hubate daandii qixxalamaanitti isa busee achitti dhiiseenii deeme, “ jechun ilmi isaa R Peddiraaju BBCtti himeera.

Daandii hin beeknerra qofaa kan ture Obbo Venkateshiwarlu konkolaataa kadhatee gara manaatti deebi’uuf abdatee, boodarra konkolataa tokkorra yaabatte daandii eegale.

Sa’aatii dheeraa booda garuu konkolaataan kun daandii faallaa manasaarra imalaa akka jiru hubate.

Konkolaachisaan sun magalaa daldalaa bulchiinsa Punjaab, Ludiyaana jedhamutti isa buuse.

Ilmi isaa Obbo Peddiraaju gargaarsa poolisi naannoo isaanin isa argachuuf kan barbaada turan ta’us akka hin milkoofne hima.

Akkamiin argame?

Carraa hin yaadamneen ture.

Weerara Covid-19 hir’isuuf jecha erga Indiyaan sochii uggurtee booda, qondaalli poolisii Punjaab, Ajayib Siing magaala Ludiyaanaa keessa deemuun harka qaleeyyiifi hojjatoota godaantootaaf nyaataafi meeshaalee barbaachisuu gumaacha.

Midiyaa hawaasummaa TikTok jedhamu irratti, hordoftootaa 800,000 ol kan qabu Ajayib, vidiyoolee hojii gargaarsaa yeroo sochiin uggurametti taasisu ni maxxansa.

Vidiyoo Bitootessa maxxanse tokko irratti, Obbo Siing Ludiyaanaatti riqicha tokko jalatti namootaaf yeroo nyaata hiru ni argama.

Kiloomeetira kumaatama fagaatee Telangaanaa keessatti hiriyyaan Obbo Peddiraaju viidiyoo kana ilaala ture Obbo Venkateshiwarlu yeroo argu yaadateeni maatii isaa beeksise.

Isaanis poolisii Ludiyaanaa qunnamanii, poolisiinis Obbo Venkateshiwarlu barbaade argachuun ilma isaa waliin bilbila viidiyoon akka wal qunnaman taasise.

“Yeroo jalqaba wal agarree lamaan keenyayyu boo’uu eeggale. Kottuu manatti na fudhadhu jedhe na gaafate,” jedha ilmi isaa.

Poolisiin yeroo qajeelfamni sochii ugguruu dhaabbatu deemee abbaa isaa akka arguuf gorsani.

“Nuti garuu hanga sanatti obsuu hin dandeenye kanaaf bulchiinsa tokko gara biraatti imalu akkan danda’uuf eeyyaman argadhe,” jedha Obbo Peddiraaju

Torban tokko booda abbaa isaa poolisii bira ture waliin Ludiyaanaatti wal argatani.