Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Roomiinaa Ashraafii: Iraanitti abbaan 'ajjeechaa kabajaa' intalasaarratti raawwate dheekkamsa kaase
Iraanitti abbaan intalasaa umuriin ishee ganna 14 taate 'ajjeesuun' dheekkamsa uummataa kaase.
Poolisiin Kaaba Iraan namticha intalasaa ganna 14 ajjeesuun shakke to'ateera.
Sababii ''Ajjechaa kabajaa'' jedhuun shamarreen kun du'uun dheekkamsa uummata bal'aa kaaseera.
Shamarreen Roominaa Ashraafii jedhamtu abbaan ishee jaalalleeshee nama ganna 35tti hin heerumtu jennaan manaa baduushee miidiyaaleen naannichaa gabaasaniiru.
Boodarra lamaan isaanii poolisiin argatee Roominaadhaan maatiitti erga. Isheen garuu, lubbuu koof nan sodaadha jechaa turte.
Kamisa darbe mana ciisichaashee keessatti abbaasheedhaan ajjeefamuu akka hin oolle kan gabaafameera.
''Roominaan waan qara qabuun mataan irraa murame,ergasii abbaanshees qara qabatee alarra deemaa ture, kana raawwachuus dubbateera,'' jechuun miidiyaan Giilkhaabaar jedhamu gabaaseera.
Roobii darbe gaazexoonni biyyattii seenaa shamarree kanaa bal'inaan barreessaati oolan.
''Mana maatii sodaa guute,'' mata duree jedhuun gaazexaan Ebteekaar seerri biyyatti mirga dubartootaa eeguu akka hanqate barreesseera.
Boodarras afaan Parshiyaatiin haashtaagiin Tiwiitarii #Romina_Ashrafi jedhu ala 50,000 caalaa naanna'aa ture, namooti baayyees ajjeechaa kana balaaleffataniiru, hawaasa Iraan sirna abbaa jabeessu illee yakka kanaaf sababa dha jechaa turan.
Shaahindooktaa Moolaavediin pireezidaantii itti aantuu dhimma dubartootaa fi maatii duraanii, ''Roominaan ajjeechaa kabajaan du'uun ishee jalqabaas ishee dhumaas miti,''
Ajjeechaan akkasii seerri fi aadaan abbaa irrummaa yoo dhaabbate malee itti fufa.
Seerri adabaa Islaamaa Iraan abbaa yookiin miseensota maatii ajjeechaa,haleellaa saalaafi ''ajjeechaa kabajaan'' himatamaniif adabbii ni laaffisa.
Namni tokko inatalasaa yoo ajjeese hidhaa waggaa sadii hanga 10 adabama.Yeroo kaan garuu namni nama ajjeese murtii du'aatu irratti murtaa'a.
Iraan keessatti ''ajjeechaan kabajaa'' hangam babal'atee akka jiru ragaan mul'isu hin jiru.Haatahu malee rogeessonni mirga namoomaa bara darbe keessallee waan kun walitti fufinsaan mudachaa akka ture himu.
Ajjeechaan akkasii seerri fi aadaan abbaa irrummaa yoo dhaabbate malee itti fufa.
Seerri adabaa Islaamaa Iraan abbaa yookiin miseensota maatii ajjeechaa,haleellaa saalaafi ''ajjeechaa kabajaan'' himatamaniif adabbii ni laaffisa.
Namni tokko inatalasaa yoo ajjeese hidhaa waggaa sadii hanga 10 adabama. Yeroo kaan garuu namni nama ajjeese murtii du'aatu irratti murtaa'a.
Iraan keessatti ''ajjeechaan kabajaa'' hangam babal'atee akka jiru ragaan mul'isu hin jiru.Haatahu malee rogeessonni mirga namoomaa bara darbe keessallee waan kun walitti fufinsaan mudachaa akka ture himu.