Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Zaaraa Abiid: Moodeeliin balaa xiyaaraa erga duute 'safuu cabsuun' qeeqamaa jirtu
- Barreessaa, Saira Asher
- Gahee, BBC News
Moodeeliin xiyyaarra Paakistaan torban darbe kufee caccabe keessatti duutee maatiifi firoonni ishee gadda taa'aa jiran kanarratti 'safuu cabsiteetti' jedhamuun miidiyaa hawaasummaa irratti hedduu qeeqamaa jirti.
Zaaraa Abiid erga haala uffannaafi akkaataa jireenya ishee irratti qeeqni irratti roobeen booda akkaawuntiin miidiyaa hawaasummaa dhuunfaa ishee cufameera.
Shamarreen umuriin ishee ganna 28 yeroo xiyyaarri Paakistaan naannoo Kaaraachi jedhamutti Jimaata darbe kufu keessa akka turtee kan himan hiriyyootashee dha.
Maqaan namoota balaa kanaan lubbuun darbe ifa hin bahiiniyyuu malee qondaaloti dhiirota lama qofatu lubbuun hafe jedhaniiru.
Gabaasni jalqaba bahe shamarreen kun lubbuun akka hafte ture, kanaanis obboleessi ishee namoonni oduu sobaa akka hin tamsaafne gaafataa ture.
Miidiyaan hawaasummaa ishee Instaagiraamii, Tiwiitariifi Feesbuukii cufamaniiru. Dhaabota miidiyaa hawaasummaa haa tahuu, hiriyootaafi firootashee eenyuun akka cufame hin beekamne.
Akka aadaa Paakistaanitti dubartoonni namuusa hawaasni irraa eegu akka hordofan irraa eegama.
Warreen kana hin godhiiniifi addabaabaayitti mula'atan safuu cabsuun qeeqamu.
Zaaraa Abiid dhaabbata faashinii Paakistaan waliin kan hojjettu yoo tahu, bara baranaatti illee Moodeelii filatamtuu jedhamteetti.
Xiyyaara balaan irra gahe keessa jiraachuunshee erga barameen as warreen amantii dhaadhessaniifi seera Islaamummaa jabeessan amantiishee gaafachaa turan.
Gariin immoo filannoo jireenya ishee kanaaf du'a booda ni adabamti jechaanii tur
Uffannaan ishee aadaa Paakistaan kan cabse dha jedhame miidiyaa hawaasummaa irratti maxxanfameetu akka fakkeenya 'cubbuuttii' agarsiifamaa ture.
Fayyadamaan Tiwiitaraa tokkoo,''Allaan dubartoota qaama isaanii agarsiisan hin jaalatau jannatni dhiirotaafi dubartoota qulqulluu tahaniif qofa dha,'' jedheera.
Paakistaan keessatti dubartoonni safuu hin eegnee jedhamuun doorsisni gudeedamuu fi ajjeechaa irra gaha.
Akkuma warri ishee qeeqan jiran namooti akkuma ishee modeelii tahainiifi dizaayinaroonni ergaa gaddaa isheef dabarsaa turan. ''Kuni faashiniif gadda guddaa dha,'' illee jedhan.
''Bareedina karaa ofii isheetiin shamarree agarsiifte dha,'' kan ishee jedhan jiru. Paakistaan keessatti namni fuula diimaa qabu ni leellifama.an.