Sawud Arabiyaan qondaala nageenyaashee karaa maatiin adamsaa jirti

Ilma Mootii Mahaammad Bin Saalmaan

Madda suuraa, Getty Images

Qondaalli nageenyaa Sawud Arabiyaa duraanii Dr Sa'iid Al Jaabirii maatii isaa waliin Sawudiin adamsamaa jiraachuu maddeen qondaaltoonni tikaa biyyoota Lixaa irraa argaman ni mullisu.

Dr Sa'iid Al Jaabirii, keessattuu humnootii tikaa Inglizii M16, waliin ta'uun karoora aleellaa boombii al-Qaa'idaa Sawudii keessatti fashaleessuun hojii olaanaa kan hojjataa turan ta'uutu himama.

Booda keessaa garuu wayita ilmi mootii biyyattii abbootii qabeenyaafi maatiiwwan motii hedduu hidhuu eegalaniitti nageenya isaatiif sodaachuun waggoota sadiin dura gara Kaandaatti baqatee ture.

Dr Sa'iid gara biyyaatti akka deebii'aniif yaalii hedduu taasifamulleen waan hindanda'amne ture.

Amma akka gara biyyaa deebii'aniif dhiibbaa olaanaa taasissuuf jecha iloollee isaa Sawudiitti argaman humnootiin nageenyaa biyyatiin ugguramuu miseensi maatii ibsan.

Ilma angafaa Dr Saa'iid kan ta'e Kaaliid BBCtti akka himeetti, obboleessa isaa Amaariifi obbooleettii isaa Saaraa jedhamtu to'annaa jala oolchuuf miseensoonni waajira nageenyaa biyyattii 50 ta'an konkolaataa 20 mana jireenyaa isaanii dhaquu hima.

Kaaliid Al Jaabirii (bitaa) fi obbooleessa isaa xiqqaa Amiir kan amma to'annaa jala oolfame (mirgarra)

Madda suuraa, Suuraa maatii Al Jabrilii

Mana jireenyaa maatii Dr Saa'iid Al Jabrii kan Riyaadiitti argamu irraa waraabbiin kaameeraa nageenyaa hundi buqqifamuun kan fudhataman yoo ta'u, sakata'insii cimaan manasaanii irratti gaggeefamuufi obboolaan isaa kan umurii waggaa 20 fi 21 bakka hinbeekamneetti geeffamuu himeera.

Ilmi Dr Sa'iid Al Jaabirii angafaa Kaaliid biyya Kaanaadaa bakka abbaa isaa waliin koluu galtummaa itti gaafatee jirurraa BBC'tti akka himeetti, kun hundis abbaa isaa irratti dhiibbaa taasisuun gara biyyaatti deebiisuuf yaadamee ta'uu himeera.

Kaaliid akka jedhuutti, obboolaan isaa kunneenis ammatti lubbuun jiraachuu isaanii waanti beekamu akka hinjirree dabaluun himeera.

Saaraa Al Jaabirii

Madda suuraa, Suuraan maatii al Jaabiriitiin

BBCn dhimma kanarratti deebii mootummaa Sawudii argachuuf yaaliin taasisee fiixaan hinbaaneef.

Dr Saa'iid Al Jabirii tibba caasaa nageenya Sawudii keessaa bahaniittis, al-Qaa'idaa rukkutuu keessatti nama gahee olaanaa qabaataa turan akka ta'e himama.

Keessattuu waajiraalee nageenyaa biyyoota Ameerikaa, Kaanaadaa, Inglizii, Awustiraaliyaafi Niwuzilaand waliin ta'uun milkaa'ina olaanaa galmeessisuun isaa ni himama.

Keessattuu bara 2020'tti ragaa inni bira gaheen haleellaa shororkeessuummaa Awurooppaatti raawwatamuuf ture durfamee akka fashalaa'u taasiisuuf inni sababa akka ture ni himamaaf.

Bara 2015tti Dr Saa'id Al Jabirii tibba Yunaayiti Kingdam deemanii turaniitti ministira dhimma keessaa UK tibba sanaa Terezaa Meeyiin simannaan taasifameef ture

Madda suuraa, BANDAR AL-GALOUD

Gareen Al Qaayidaa Yamaniitti bu'uurreeffate boombii baayyee xiyyaara mi'a fe'uun dhoksee feesisuu, xiyyarichi gara Chikaagootti kan balalii'u ta'usaatiifi bombiin fe'amees maashina maxxansaa keessatti kan argamu ta'u ragaa ifaa garee tasaa Inglizii M16'f kennee kan ture Dr Sa'iid Al Jabirii akka ture oggeessii nageenyaa Yunaayiti Kingidam tokko dhugaa bahaniiru.

Osoo boombiin meeshaa maxxansaa keessatti fe'ame sun Chikaaggoo qaqabeera ta'ee, lubbuun lammiilee Ameerikaa dhibba hedduun lakkaa'aman galaafatamee ture jedha oggeessi kun.

Dr Al Jabirii caliisaafi nama tasgabaa'aa yoo ta'an, Yunvarsitii Edinbaraa irraa gosa barnoota ''Artificial Intelligence'' tiin doktarummaa argataniiru.

Isaan boodas gara Sawuudiitti deebi'uun waajira tikaafi nageenya biyyasaa cimsuu danda'eera. ''Sawudiitti hojiin tikaafi nageenyaa isaan dura hojjatamaa ture baayyee haala boodatti hafaa ture. Kunis namoota dararuun akka waan hojjatan himan taasifamaa ture. Innis haala kana geedareera.

Ragaa karaa kompitaraatiin butuun hojii tikaa hammayyaa'aa Sawudiin kan wal barsiisee isa ture,'' jedhu qondaalli tikaa tokko.

Erga bara 2015'tti Mootiin Abdallaan du'anii boodas obbooleessa mootichaa kan ta'an Saalmaan Bin Abdul Azizi akkuma aangoo qabataniin, ilma isaaniifi kan amma biyya bulchaa jiru Mahaammad Bin Saalmaan Ministira Ittisaa gochuun muudan. Isaan boodas biyyattiin kallattiii hintaanee qabatte.

Mohaammad Bin Saalmaan akkuma tasaa Sawudiin Yaman waliin waraaana keessa akka galtuuf murtee wayita dabarsee tureetti Dr Al Jabirii kun ta'uu hinqabaatu, kun ta'u kan danda'u yoo tarsiimoo ifaa haalli itti keessaa bahamu jiraate qofaadha jechuun falmaa turan.

Haata'u malee, kan isaa dhaga'u argachuu hindandeenyee ture.

Sawudinis Yaman waliin waraanaa keessa galtee hanga ammaatti karaa bahumsaa akka dhabdee jirtu beektoonni siyaasaa ni dubbatu.

Ilmi Mootuu Mahaammad Bin Saalmaanis namoota aangoo isaatiif farra jedhee yaadee hunda, keessattuu muudama mootiif eegamaa kan turan Mahaammad Bin Naayifiin erga to'annaa jala olchanii booda hojjattota waajira nageenyaa duranii barbaachaa turan. Dr Saa'iid Al Jabiriis namoota adamsaman keessaa tokko turan.

Mohaammad Bin Saalmaan namoota Sawudiin ala taa'uun mootummaa isa qeeqan balleessuun maqaansaa ni ka'a. Ajjeechaan gaazeexessaa Kamaal Kaashoojgiis qaamuma tarkaanfii kanaa ture.

Dr Saa'iid Al Jabirii ammoo dhaggeetti biyyoota Lixaa biratti qabutti fayyadamuun aangoo isaattii yaaddoo ta'a jedhee yaaduun, kana haaloo bahuuf jecha ijoollee isaa to'annaa jala oolchuun dirqisiisee abbaa gara biyyaatti deebiisuuf yaadee gocha kana akka raawwateen qaamoolee dhimmichatti dhiheenya qaban ni dubbatu.