Koronaavaayirasii: Gosa hojii kamtu koronaavaayirasiif daran saaxilamaadha?

Erga weerarri koronaavaayirasii addunyaa mudatee hojjettoonni miiliyoonaan lakkaa'aman manaa yookiin ammoo mana hojii isaaniirraa fagaatanii hojjechaa jiru.
Kanneen haalli hojiisaanii manaa hojjechuuf hin iyyamneef ammoo dabareedhaan mana hojiisaanii deemanii hojjechuu itti fufaniiru.
Garuu manaa hojjechus ta'e, mana hojiitii dabareedhaan hojjechuun hagam vaayirasicha ittiseera? Hojii kamtu ammoo daran saaxilamaadha?
Ragaan istaatistiksii biyyaalessaa UK irraa argame , kan haala hojii US irratti hojjetame, osoo walirraa hiiquun hawaasaa hin labsamin duraan, hojjettoonni akkamiin walitti dhiyaachaa turan kan jedhuu fi amma ammoo hojii kamtu koronaavaayirasiif nama saaxila kan jedhu agarsiisa.
Gosa hojii keessanii bakka armaan gadii kana galchaatii sadarkaa saaxilamummaa isaa hubadhaa.
Addunyaarratti gosoonni hojii hojjettoota walitti heddummeessu akkuma jiru, kan hojjettoonni waggaatti yeroo tokkofaa wal arganis jira.
Hojjettoonni waajjira tokko keessatti heddummaatanii akka hojjetaniif haalli hojii isaanii dirqamsiisu akkuma jiru, kan osoo wal hin argin fageenyarraa hojjechaa danda'anis jiru.
Gosi hojii tokko tokko hojjettoonni akka walitti hin hedummaanne, akka walirraa fagaatanii hojjetanii fi akka fageenyarraa hojjetanitti mijachuu danda'a.
Qorannoon kun manneen hojii US keessa jiran irratti kan hojjetame yoo ta'u manneen hojii biyyoota guddataa jiran keessa jiraniifis kan hojjetuudha.
Akka qorannoo kanaatti hojjettoonni fayyaa vaayirasichaaf daran saaxilamoodha, hojjettoota biroo caalaa namoota biroo waliinis tuttuqqaa qabu.
Aartistoonni, ogeeyyiin seeraa, namoonni hojii bulchiinsaa hojjetanii fi gorsitoonni diinagdee ammoo Ameerikaa keessatti vaayirasichaaf saaxilamuunsaanii akkaan gadi aanaadha.
Gama biraatiin qulqulleessitoonni, qondaaltonni manneen amala sirreessaa fi namoonni sirna awwaalchaa raawwachiisan haga tokko koronaavaayirasiif saaxilamoodha.
Garuu hojiinsaanii namoota biroo waliin tuttuqaa akka umaniif isaan hin dirqamsiisu.
Garuu namoonni Covid-19'f saaxilamoo ta'an kanneen namoota biroo waliin tuttuqaa qaamaa qabaniidha, garuummoo hojjettoota akkasii miti kan baay'inaan qabaman.
Fakkeenyaaf hojjettoonni mana dhugaatii, kanneen rifeensa sirreessan, konkolaachistoonni taaksii fi mana ijaaran kanneen namootaan walitti dhufeenya qabaniidha, garuu baay'inaan hin qabamne.
Hojjettoonni fayyaa saaxilamoodha, garuu daran hin miidhamne
Fakkeenyaaf UK keessatti hojjettoota fayyaa caalaa kanneen hawaasa bal'aa keessa deemuun hojjetantu sababa koronaavaayirasiitiin du'aaf saaxilaman.
Hojjettoonni fayyaa haalli hojii isaanii vaayirasichaaf daran saaxilamaadha, dhukkubsattoota biroos ta'e kanneen Covid-19 qabaman waliin nama kamuu caalaa tuttuqqaa qabu, garuu maaliif daran du'aaf saaxilamuu dhaban kan jedhu gaaffii ijoo ture.
Kanaaf sababa kan ta'u hojjettoonni fayyaa of eeggannoo gochuusaaniiti.
Hojjettoonni fayyaa haala keessa jiran waan beekaniif meeshaalee of eeggannoo kanneen akka maaskii, gilaavii fi qulqullina qaamaa keessattuu harka dhiqachuu xiyyeeffannaan fayyadamu.
Akka qorannoo hojjettoota US irratti gaggeeffameetti konkolaachitoota taaksiitu vaayirasichaaf daran saaxilamu.
Konkolaachistoonni hojjettoota kamuu caalaa namoota biroodhaan walitti siqanii turu.
Hojjettoonni mana dhugaatii, kanneen mana rifeensaa hojjetanii fi leenjistoonni ispoortiis daran saaxilamoodha.
Kunis sababiin isaa hojjettoonni kunneen akka hojjettoota fayyaa, harka dhiqachuu fi qulqullina biroo eeggachuu akkasumas meeshaalee of eeggannoo kanneen akka gilaavii fi maaskii irratti kan xiyyeeffatan waan hin taaneefidha.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras














