Koronaavaayirasii: Jarman Bundasligaan akka eegalu hayyamte

Jarman Bundasliigaa

Madda suuraa, EPA

Chaansilarri Jarmaan Angeelaa Merkel akkaatti tajaajila hawaasa sababa weerara vaayirasiitiin adda cite deebi’anii banuun danda’amurratti hooggantota kutaale biyyatti 16 wajjin mariyatani irratti waliigalani.

Biyya Jarmanitti namoonni 7,000 hin caalle weerara vaayirasichaan kan du’aniiru.

Biyyoota Awuroppaa kanneen akka UK, Xaaliyaanii, Faransaayii fi Ispeen wajjin wayita walcina madaalamtu lakkoofsa namoota du’aani xiqqaa galmeessifte.

Amma dorgommii tapha sababii weerara koronaavaayirasiin adda cites deebistee banuuf biyyattin karoora haaraa wixineessite.

Ji’a Caamsaa bultii 15 ykn 21 irra eegalee taphattoonni dorgommii Bundasligaarratti hirmaatan iddoo daawwattoonni kallattiin Istaadiyeemitti hin argamnetti taphachuuf jiru.

Kanaaf, taphattoonnis dursanii torban lamaaf addatti fo’amu.

Yoo karoorri dorgommii tapha kanaa kan deebiisanii eegalchiisuu milkaa'e, Liigii kubbaa miilaa Awurooppaa weerara vaayirasichaa booda dursa banamuuf jiru ta’uuf deema.

Kun otoo kanaan jiru, manneen barnoota duraanu gartokkeen banaman turan, amma garuu sududaan barattoota hundumaaf banamuuf karoorfameera.

Ta’us, weerarri vaayirasicha lammata deebi’ee akka hin kaane yaaddoo uumera.

Iddoowwan weerarri vaayirasicha jabaatutti guyyoota torba keessatti namoota 100,000 keessaa namoota 50 vaayirasichi haaraa kan mul’atu yoo ta’e, manneen barnoota banamuuf karoorfaman turuu malu jedha gabaasni tajaajila oduu biyyatti DPA’n baase.

Karoora haaraa biyyattiin wixineessiteen namoonni hedduun abdiin eeggataa kan jiran suuqiwwan hundi, hoteelonni fi manneen jiimii deebi’anii banamuuf jiru.

Gaazexaan biyyaatti tokkoos Jarman deebite banamuuf jirti jechuun mataa duree oduu qabatee baheera.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa