Barreeffamni gabaabduu Twitter irratti maxxanfamte gatii kampaanii doolara biliyoona 14n hir'iste

Elon Musk

Madda suuraa, Getty Images

Hundeessaa kampaanii konkolaattoota jabanaa elektirkiin deeman oomishuu beekamuu Tesla ka tahe Elon Mask ergaan gabaabduu Twitter gubbaa maxxanse gatii isa kaffalchiise.

Barreeffamni kun gabaabduu taatus, maallaqa doolara Ameerikaa biliyoonatti lakka'amu dhabsiisutti jira - gatii dhaabbata isaa doolaara biiliyoona 14 hiri'se.

Kana duwwaas miti Aabba Mask aksiyoona dhaabicha keessaa qabu gatiinsaa biiliyoona sadiin jalaa hir'iseera.

Attamiin?

Tujaarri kun Twitter gubbaa bahuun barreeffamoota gaggabaaboo walitti fufinsaan baase - invastaroonnis kanaan nahuun, kaampaanicha keessaa babbahan.

''Gatiin asksiyoona Teslaa garmalee olkahe,'' jedhee maxxanse ergaa tokkorratti.

Yeroo kaan ammoo qabeenyaa qabu mara gurgurachuuf murteesseera jedha. Ammas itti dabaluun jaalalleen koo natti arteetti kan jedhuufi kaanis walirra daddabaluun baase.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Elon Mask waan akkanaa wayita dalagu kun yeroo jalqabaaf miti. Bara 2018tti keessa akkasuma Twitter gubbaa bahuun waa'ee egeree Tesla gabaa aksiyoonaa Niiw Yoork irratti dubbiin barreesse, doolaara miiliyoona 20 adabsisee ture.

Kanaanis wanti amma booda tujaarri kun barreessu hundi maaxanfamuu isaaniitiin dura abukaatoo isaatiin dursa akka ilaalamu waliigalee ture.

'Mataa bowwoo'

Barruun Wall Street Journal dureessa kanaan gatii kaampanicha ilaalchisuun barreefamni maxxansite qoosaamoo dhuguma? jechuun mirkaneeffachuu gaafate.

Sooressi kunis ’lakkii dhugumaa’’ jedhe dubbateera.

Gatiin kaampanii Tesla ol dabalaa ture - oomishaan konkolaattota elektrikaa kun gatiinsaa doolaara biiliyoona 100tti tilmaamama.

''Barreeffamoota Mask kanneen akka qoosaatti fudhanna - sababiin isaas Elon, Elon waan taheef. Kun garuu ifumatti invastarootaaf dhukkubbii mataati.

Tiwiit gochuun ammas dubbii walfamisiisaadha. Hawaasni aksiyoona daldaluu kanaan aareera,'' jedha xiinxalaa Daniel Ives jedhamu.

Jalqaba torban kanaatti Aabba Mask hordoftoota isaa miiliyoona 33.4 tahaniif, sababa weerara Covid-19f murtee mana keessa turuu Ameerikaa haalaan qeeqee barreesseera.

Bara dabre keessaa barreeffama maxxanseen mana murtii dhiyaateera.

Tujaarri kun qabeenyasaa gurguruuf murteesse keessaa manni isaa tokkodha. Manni kun kan taatoo fiilmii beekamaa Gene Wilder kan ture wayita tahu, 2013tti bite.