Sa’udii Arabiyaan namicha miseensota baandii waraane ajjeefte

Namichi Sa’udii Arabiyaa waltajjii sirbaa irratti yoo xiqqaate shubbistoota Ispeen sadii waraane ajjeefame.
Miidhaan garee tiyaatiraa kanarratti kan raawwatame Sadaasa darbe magaalaa Sa’udii Riyaad keessatti ture.
Namicha haleellaa kana raawwate maqaan isaa Imaad al-Mansuurii jedhamuufi umuriin isaa waggaa 33 ta’e miidiyaan mootummaa garee shorokkeessaa Al-Qaa’idaa Yamanirraa ta’edha jedheera.
Taateen mudate kun yeroo Sa’ud Arabiyaa sochii bashannanaa abbootii amantii leellisaniin dhorkaa kaa’amee ture laaffisaa jirtutti ture.
Halleellaan kun Sadaasa 11 kan raawwatme yoo ta’u namichi waltajii Kind Abdallaa Paark magaalaa Riyaad keessatti gaggeefamaa jirutti utaalee bahee miseensota garee bashannanaa waraane.
Dhaddachi addaa yakka shorokkeessummaatiin al-Mansuuriin qorate, ergama ajaja gaggeessaa ol-aanaa al-Qaa’idaa Yaman hojiirra oolchuu dabalatee himannaa baayyeen yakkamaa ta’eera jedha.
Ministeerri dhimma keessaa ibsa baaseen yakkamaan kun akka himetti Kamisa darbe Riyaaditti ajjeefameera.
Al-Qaedaan garuu haleellaa kana gaggeessuu isaa ilaalchisee waan jedhe hin qabu.
Namni lamaffaan ammoo Mana Murtii Yakkaa Ispeeshaalaayizid ta’een hidhaan waggaa 12 fi walakkaa itti murtaa’eera. .
Aanga’oonni Sa’udii akka jedhanitti al-Mansuriin Abbaa Taayitaa Bashannanaa haaraa hundeeffame hadheeffatee qeequudhaan viidiyootiin of waraabee miidiyaa hawaasummaa irrati tatamsaasaa ture.
Ilmi Mootichaa Mohaammad Bin Salmaan yeroo 2017 muudamanitti Mul’ata 2030 kan jedhamuun sagantaa rifoormii ammayyeessuu waadaa galanii turan.
Manneen siniimaafi konsartiiwwan dhiiraafi dubarri waliin irratti hirmaatan waggoota hedduuf dhorkamanii turan kaafamaniiru.
Kana malees, dubartoonni amma taphawwan kubbaa miilaa daawwachuu ni danda’u.
Industirii bashannanaa guddisuudhaaf dolaarri biliyoona hedduun kan waadaa galamee hojjetamaa ture yoo ta’u namoonni addunyaa irratti bebbekamuu ta’anis biyyattii keessatti agarsiise dhiyeessaniiru.
Haata’u malee, rifoormiin jalqabame dubartoota mirgoota namoomaaf quuqaman ta’atamuu isaaniitiifi shira qaanessaa ajjeechaa gaazexeessaa beekamaa biyyattii Jamaal Kaashogjii bara 2018 Qoontsilaa Sa’udii Turkii keessatti taasifame waliin walqabatee karaatti hafaa jira.
Aanga’oonni Sa’udii akka jedhanitti haleellaan Sadaasa darbe gaggeeffame sun erga rifoormiin biyyattii keessatti eegalamee isa jalqabaati.














