Koronaavaayiras: 'Beelli dhukkubicha caalaa nu sodaachisaa jira'-Hojjettoota hojii guyyuu

Dhibeen koronaavaayiras erga biyya mudatee hojiileen ijaarsaa baayinaan magaalota keessatti hojjetamaa turan qabbanaa’aniiru.
Lammiilee hedduun hojii humnaatiin kaffaltii guyyaa guyyaadhaan argataniin of jiraachisaa turanis sababa hojiin kuni laafeef carraan hojiis dhaabbatee sodaa dhibee kanaatiif manatti deebi’aniiru.
Jiraataa Magaala Adaamaa kan ta’an Obbo Firii Gadaa namoota Hojii humnaa Guyyaa guyyaadhaan hojjetaniin galii argatanii maatii isaanii jiraachisaa turani.
Erga dhibeen Koronaavaayiras kuni dhufee hojiin dhaabbatee manatti waan deebineef ofiif maatii kiyya jiraachisuuf rakkoo keessa seeneera jedhu.
“Ani kanin jiraadhu ijaarsaa irratti hojii guyyaa hojjedheeni. Amma sababa dhibee kanaatiin erga hojiin dhaabbatee manatti deebi’ee gara torbee sadii gaheera. Ofii kiyya dabalatee hojii guyyaa Kanaan maatii afurin jiraachisaa jira” jedhan.
Qusannaan yeroo hojii hojjechaa ture qusadhe torbeewwan sadan hojii malee mana taa’e kanatti fixadheera kan jedhu Firiin, dhibee caalaatti waan ittiin maatii jiraachisu yaaddoo keessa nagalcheera jedhu.
“Amma rakkoo hamaa keessan jirra. Torbee kana hanga waan nyaannu dhabuutti geenyeerra. Beelli dhibee caalaa nusodaachisaa jira. Kanarratti ani maatiin qaba. Daa’ima ji’a ja’aatin manaa qaba. Amma waan nyaannu dhabaa jirra.durawuu harkaa afaanitti amma gaafa ishiinuu dhabamtu egaa yadi” jedhan.
Innis ta’ee hiriyoonnisaa biroon haalli amma jiru kuni itti fufnaan beelan miidhamuun keenya yaaddoo guddaa nutti uumeras jedhan.
“Dhibee sodaannee qoonqoodhaan dhumuurra karaa mootummaa osoo falli wayii kennamee jennee eegaa jirra. Yoo xiqqaate karaa ofeegannoo qabuun hojiima keenya dhaabne sanallee osoo hojjennee wayya manatti qoonqoodhaan dhumuurra” jedhan.
Hojii humnaa guyyaa guyyaatti hojjetuun ofjiraachisaan ture kan jedhu dargaggoo Dirribaa Gadaas, hojiin guyyaa kuni duriyyuu gaaf hunda argamee hin hojjennu ammammoo ittuu rakkootti seenneerra jedha.
“ Magaala Adaamaa keessatti dhibeen kuni mul’ate jennaanuma hojiin guyyaa dhaabbate. Amma hojiinis hin jiru, manaayis hin bayinaa jedhu waan tokko gara itti garagallu wallaalleerra “ jedha.
Duraan Magaala Adaamaa keessatti hojjettoonni Hojii guyyaa hojjetan bakka ganama dhaabbatanii nama hojii hojjisiisuu barbaadun walqunnaman qabu.
Amma lafa kanatti nama hojii barbaadaf bahee dhaabbatu malee kanneen hojjetaa barbaadanii dhufanii fudhatan erga hafanii bubbuluus hima dargaggoon kun.
Ta’us mana teenyee beela’uurra bakka itti hojii eegnu kana guyaa guyyaadhaan geenyee dhaabachuu hin dhiisne jedha Dirribaan.
“Aamma namni dhufee hojjetaa guyyaa fudhatu tokkoyyuu hin jiru akkanumatti dhaabachaa jirra. Bakka dhaabbannu kanatti jiraattonni ganama ganama daabboo tokko tokko nuuf hiru. Ishii qammasnee oolaa jirra. Warri maatii mana qabummoo ofii asitti ishii ni argata maatii isaatittimoo wanna galuun hin qabu” jedha.
Manatti dachaannee wanta nyaannu waan hin qabneef karaarratti hafuu keenya kan jedhan namoonni kunneen warra hojii humnaatiin bullu kana mootummaan nugargaaruu qaba jechuun yaaddoo fuula isaanii dura dhaabbate jiru BBC’tti himaniiru.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras


















