Koroonaavaayiras: Itoophiyaatti maal maal fa’atu dhorkame?

MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, Office of the Prime Minister

Itoophiyaatti lakkoofsi namootaa koroonaavaayirasiin qabamanii shan gahuu hordofee MM Abiy Ahimad tatamsa'inna vaayirasichaa qolachuuf tarkaanfiwwan garagaraa fudhachuusaanii ibsa har'a kennaniin beeksisaniiru.

Haaluma kanaanis walitti qabamuu namootaarratti dhorkaa torban lamaaf turu kaa'aniiru.

  • Taphoota ispoortiifi
  • Walga'iiwwan namoonni 'hedduu' itti hirmaatan achi dabarsuu. Namoota hedduu yogguu jedhamu meeqa akka tahe wanti ibsame hinjiru.
  • Dhaabbilee barnootaa olaanoo (yunivarsiitiiwwan) lalatti manneen barnootaa hundi ni cufamu. Yunivarsiitiiwwan keessatti mootummaan haala barattoonni kutaa ciisichaa isaanii keessatti akka baratan haalli ni mijata jedheera.
  • Manneen amantaafi iddoowwan waaqeffannaatti walitti qabamuu hir'isuu

Kana malees mootummaan Itoophiyaa tarkaanfiilee armaan gadii tatamsa'inna vaayirasichaa ni hir'isu jedhe fudhachuusaa beeksiseera.

  • Aguugduu fuunyaaniifi afaanii (maaskii), saamunaa, dhangalaa'aa harka qulqulleessuufi kanneen biroo iddoowwan barbaachisaa ta'anitti ni dhiyeessa.
  • Geejjiba uummataa keessatti baay'ina namootaa hir'isuuf, awutoobisoonni mootummaa tajaajila bilisaa ni kennu.

Kanneen meeshalee barbaachisoo ta'an irratti daballii gatii taasisan irratti tarkaanfiin ni fudhannas jedha mootummaan Itoophiyaa.

Miidiyaalenis odeeffannoo dhugaa hawaasa biraan akka gahuu akka qabanis MM Abiy dhaamaniiru.

Dhibeen koronaavaayiras ji'ootaan dura Chaayinaa kutaa biyaa Huubee keessatti eegale yeroo ammaa Antaarkitikaa malee addunyaa waliin ga'eera.

Ragaa hanga ammaa jiruun, lakkoofsi namoota vaayirasii kanaan qabaman namoota 170,000tti kan siqu yoo ta'u, namoonni 6,500 ol ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.

Koroonaavaayiras
koronaavaayiras