Abdallaa Hamdook: Waa'ee yaalii ajjeechaa MM Sudaan maal beekna?

Madda suuraa, EPA
MM Sudaan Abdallaa Hamdook yaalii ajjeechaa magaalaa guddoo biyyattii Kaartuum keessatti isaanirratti aggaamame irraa hafaniiru.
"Uummata Sudaaniif nagaa ta'uukoofi haala gaarii keessa jiraachuukoo himuun fedha," jedhan yaalii ajjeechaa isaanirratti raawwateen booda ergaa gama 'twitter'n dabarsaniin.
Obbo Abdallaa Hamdook MM Sudaan ta'uun mootummaa ce'umsaa haaraa akka hogganan kan muudaman Hagayya darbe hokkora pireezidantii biyyattii yeroo dheeraa Omar al-Bashir aangoorraa buuseen booda.
Yaaliin ajjeechaa irratti raawwate "humna dabalataa jijjiirama Sudaan fuulduratti oofudha" jedhan.
Haleellaa kana qaamni raawwate amma dura hin beekamne. MM Abdallaa jijjiirama amma biyyattiin itti jirtu erga eegalanii ajajoota waraanaa dabalatee namoota hedduu duraan dhageettii gurguddaa qaban taphaan ala taasisaniiru.
MM Abiy Ahimad ergaa gama twitter isaaniin dabarsaniin haleellaa MM Sudaan irratti yaalamee 'nan balaaleffadha' jedhaniiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1
Yaaliin ajjeechaa kun akkamiin raawwate?
Haleellaa kana booda suuraawwan TV biyyaalessaa Sudaan irratti mul'tan konkolaatota caccaban agarsiisa.
Direektarri waajjira MM biyyattii Ali Bakiit, namni miidhaanirra gahe hin jiru jechuun facebook irratti katabuu AFP gabaaseera.

Madda suuraa, AFP
Haleellaan kun naannoo riqicha Kobar jedhamu kan Kaaba Kaartuumifi jiddugaleessa magaalatti kan waajjirri MM keessatti argamu wal-qunnamsiisuutti raawwate.
"Bombiin wayita dhohuu fi dhukaasni wayita itti dhukaafamu argeera. Dhukaasichi gamoo irraa gadi itti dhukaafame," jedhe namni ijaan arge tokko.
Ministirri Odeeffannoo biyyattii Fayisal Saalii gochicha "haleellaa shororkeessummaati" jedhani, eenyu akka raawwate baruuf qorannoon eegalamuu dubbataniiru.
Abdallaa Hamdook eenyu?
UN keessatti ogeessa diinagdee beekamaa kan ta'an Abdallaa Hamdook Hagayya bara darbe mana maree ce'umsaa Sudaan kan miseensota siiviilii jaha fi qondaalota waraanaa 5 qabuun muudaman.
Manni marichaa marii ji'oota hedduuf mormitootaa fi waraana biyyattii jidduu tureen kan hundaa'e yoo ta'u ce'uumsa waggaa sadiif turu hoggana.
Obbo Abdallaa erga gara aangoo dhufaniin booda jijjiiramawwan adda addaa gochuuf deeman irratti mormiin isaan mudatee ture.
MM Abdallaa erga 'twitter' irratti dabarsaniin, "Jijjiirama amma jirutti haarsaa guddaa kafalle, hegeree wayyoo qabuufi nagaa itti fufiinsa qabuuf haarsa kafalamedha," jedhan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 2

Xumura maxxansa X, 3

Warraaqsi Sudaan akkamiin eegale?
- Mudde 2018 : Sababa gatiin daabboo garmalee ol ka'eef mormiin eegale
- Guraandhala 2019: Bashir labsii yeroo muddama labsuun ministirootaa fi bulchitoota naannolee ari'e. Kuni mormichi xumura akka argatuuf yoo ta'u, yeroos 40 ta'an ajjeefamanii turan.

Madda suuraa, AFP
- Ebla 2019: Waraanni al-Bashir aangoo irraa buusee mormitoota waliin waa'ee ce'umsaa haasa'uu egale.
- Waxabajjii 2019: Humnoonni nageenyaa mormitoota irratti dhukaasanii nama 87 ajjeesan.
- Fulbaana 2019: Mootummaan haaraa MM Abdallaa Hamdookiin durfamu kan waggoota sadiif ce'umsa hogganu hojii eegale.