Sababa Koroonaavaayirasiif lafa mishirroonni hin jiretti cidha raawwatame

Madda suuraa, SUPPLIED BY JOSEPH YEW
Silaa waan cidhaa akka karoorsanitti namaa hin milkaa'u. Sirni cidhaa tokko garuu sababii Koroonaavaayirasiin lafa misirroonni hin jireetti raawwateera.
Misirroonni Jooseef Yiwuunaafi Kaang Tiing jedhaman guyyaa muraasa dura ture cidha isaaniif jecha Chaayinaarraa gara biyya isaanitti kan deebi'an.
Sababii kanaanis keessummoonni cidha irratti affeeraman, dhufuuf yaaddoo qabaachuun isaanii mishirroonni mala akka malan taasise.
Keessumootni galma waamaman keessa taa'anii mishirroonni immoo viidiyoo isaanii kallattiidhaan tamsaasuun keessumoota biraan gahan.
Mishiroonni kunneen waan sirna cidhaa irratti taasifamu hunda karaa viidiyoo mul'achaa keessummaa galma keessa taa'ee isaan eege hunda harka fuudhaniiru.
Singaapooritti namoonni 28 Koroonaavaayirasiin kan qabaman yoo tahu, Kuni Chaayinaan ala baay'ina lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanin, Jaappaanitti aanuun biyya lammaffaa dha.

Madda suuraa, SUPPLIED BY JOSEPH YEW
Filannoo biraa hin qabnu
Misirroon Chaayinaa naannoo Hunaan jedhamurraa kan dhufte yoo tahu, bara haaraa kabajuuf torbee muraasa dura ture kan gara Chaayinaa deemte, yeroos misirrichis waliin deemee ture.
Naannoon Hunaan immoo bakka weerarri vaayirasichaa ka'eera jedhamtuuf ollaa dha.
Misiricha lafti isaan turan baadiyyaa keessa waan taheef yaaddoon dhukkubichaa tokkoyyuu hin turre jedheera.
Kanaanis mishirroonni kunneen baadiyyaatti waggaa haaraa erga kabajaniin booda cidha isaaniif gara Singaapoooritti deebi'an.
Cidha kana baadiyyaatti raawwatanii ka'aniitu michuuwwan isaanii afeeruuf jecha lammata immoo sagantaa qopheessan.
Cidha kanarratti namoota affeeraman 190 keessa 110 galma cidhichaatti argamaniiru, kaan immo sababii garaagraaf hafan.

Madda suuraa, SUPPLIED BY JOSEPH YEW
Keessummoonni waamaman galma hooteelaa keessa tahanii mishirroonni immoo achuma kutaa hoteelicha kan biraa keessa tahanii sirna gaa'ela isaanii raawwatan.
''Keessummoonni dhangaa qophaa'e fudhadhaa, bashannanaa'' jechuun affeeraa ture misirrichi.
Shaampaanyii hoteelichi isaaniif dhiyeessees kutaadhuma isaanii keessa taa'anii qooddataniiru.
Mishirichi yoo gadduu baanneyyuu nutti dhagahameera'' jechuun BBCtti himeera.
Homaatuu filannoo hin qanu kanaaf akkasitti raaawwanne.

















