Hogganaan paartii biyya Jarman AfD jedhamuun deeggarame hojii guyyaa tokko hojjeteef $102,000 argachuuf

Madda suuraa, EPA
Hogganaan naannoo Jarman aangoo irraa kaafame fi paartii AFD jedhamuun deeggaramaa ture miindaa fi faayidaa biraa dabalatee $102,000 argachuu qaba jedhame.
Miidiyaan 'Editor Network Germany' jedhamu hamma maallaqaa namni kun argachuu qaba jedhame qondaaltota mootummaa naannoo Turingiyaa irraa mirkaneessera jechuun gabaase.
Namni siyaasaa Toomaas Kemeriich miseensota paarlaamaa naannoo Tuuriingiyaadhaan hogganaa tahee erga filamee guyyaa tokkoon booda Kamisa kaleessaa aangoo gadhiise.
Akka miidiyaan ENG gabaasetti namni kun miindaan ji'aan argatu Yuuroo 16,617 yoo tahu faayidaan biraa yuuroo 766 taha.
Dabalataan nama maatii qabu waan taheef akka seera naannichaatti ji'aan faayidaa dabalataa Yuuroo 153 argata ture.
Akka seera Naannoo Turingaayitti guyyaa tokko waajjira galtee hojjechuun akka hojii ji'a tokkootti ilaalamee kaffalama.
Akkasumas hanga hojii biraa jireenya isaaf tahu argatutti jedhamee ji'oota jahaaf miindaan kaffalamaaf.
Angeelaa Merkel paartiin isaanii Keemeerichiin deeggarus filannoon Baha biyyattiitti gaggeeffame kun ''dhiifama kan hin qabnee'' fi irra deebiin gaggeeffamuu qabudha jette.
Kemeriich aangoo gadhiisuu kan nama dhorku hin jiru jedhan. Waggoota dheeraaf paartileen gurguddoon Jarman paartii AfD [Altenative for Germany] jedhamu kana dhiibaa turanis jedhan.
Aangoo gadhiisuun isaaniis filannoo haaraan akka gaggeeffamuuf hulaa saaquuf jechuun dubbataniiru.
Paartiin AfD jedhamu dhiyeenya kana jaallatamummaan qabu dabalaa dhufus ilaalcha finxaalesummaa isaan dhimma godaantotaa, yaada ofii bilisaan ibsachuu fi miidiyaaf qabaniin qeeqamu.
Filannoon Roobii darbe Baha Jarmanitti gaggeeffame kun waan addaa mul'atee hin beekne akka dhohetti ilaalama jedhame. Paartilee gurguddoo hundi paartilee ilaalcha fiixeetti bahe qaban waliin hin hojjennu jedhu qabaatanis kana cabsanii paartii AfD deeggaruun isaanii kan jalqabaati jedhame.
Bifa kanaan dura Jarman keessatti mootummaan hundeeffamee hin beeku.
Waanti raawwate akkas ture. Filannoo ji'a Onkoloolessaa keessa gaggeeffameen paartiin 'Die Linke' jedhamu mo'atee ture. Paartiin Kemeriich FDP jedhamu filannicha irratti sagalee 5% qofa argate ture.
Haa tahu malee filannoo icciitiin mootummaa hundeessuuf gaggeeffameen Kemeriich hogganaa paartii 'Die Linke' Boodoo Raameloo jedhamu sagalee 45 fi 44'n mo'achuun filatame.
Kun deeggarsa paartiin AfD jedhamu kenneefiin akka tahes himameera. Naannoo Turingaay jedhamu keessatti paartiin AfD jedhamu deeggarsa guddaa qaba.
Akka waliigaltee paartileetti kun sirrii akka hin taanetu himame. Kanaaf aangoo isaa gadhiisuuf dirqame jedhame. Paartileen Jarman torban kanarra falmii siyaasaa cimaa waliin gaggeessu jedhamee eegama.














