Konkolaataan ofiin deemtu kun to'annoo namaa jalaa adda baateetti

Madda suuraa, Nuro
Konkolaataan to'annoo namaa malee ofiin adeemuu dandeessu qormaata konkolaataa Ameerikaa darbuun hayyama argatteetti.
Dhaabbatni Nuuroo jedhamu konkolaataawwan ofiin miiya deddeebisuu danda'an dhiyeessa.
Konkolaataan Nuuroo maqaanshee R2 jedhamte Teeksaas keessatti yaaliif ni dhiyaatti
To'annoo namaa malee konkolaataan adeemtu kun qormaata darbuun kan jalqabaati.
Konkolaataawwan kunneen imalaafi konkolaachisaan ala adeemuu danda'u
Dhaabbatichi konkolaataa R2 jedhamte kana yeroo qopheessu daawwitiin ittiin ilaalaniifi daawwitii qilleensaa irraa kaaseera.
Konkolaataan tun boca killee kan qabdu yoo tahu konkolaataawwan biroo irra ni xiqqaatti. Kutaa tempireecharii ittiin to'atan lama qabdi.
Namni mi'a isaa fudhatu koodii yoo galche foddaan ishee hanga gubbaatti banama.
R2 raadaarii, suuraa irraafi jalaan agasrsiiuufi kaameeraa digrii 360 naanna'uun sochii qajeelchu qabdi.
Hojii miya deddeebisuu kana hojjechuuf dhaabbata kamii waliin akka hojjetu Nuuroon hin beeksifne
Nuuroon yeroo jalqaba moodeelii konkolaataa kanaa R1 jedhamu ifa baase nyaata piizaa Doominos jedhamu fi gabaa guddaa Woolmaart jedhamurraa miya deddeebisuuf waliigalee ture.
Dhaabbatni Nuuroo kun injinaroota Google'n kan hundeeffame yoo tahu baankii Jaappaan Sooftbaank jedhamuun deeggarama.














