Itoophiyaan lammileeshee 500 ol harka hidhattoota Yaman jiran baasuufi jette

Itoophiyaan lammileeshee 500 ol harka hidhattoota Yaman jiran baastee gara biyyaa deebisuuf hojjetaa akka jirtu Jabuutiitti ambaasaaddarri Itoophiyaa Abdulaziiz Mohaammad BBC'tti himan.

Lammileen Itoophiyaa 500 ol ta'an kunneen Yaman iddoo baqattoonni itti hidhaman IPNA jedhamutti 'ukkaamfamanii' akka jiran mirkaneeffanneera jedhu ambaasaaddar Abdulaziiz.

Itoophiyaan Yaman keessaa Imbasii hin qabdu waan ta'eef dhimmicha imbasiiwwan Itoophiyaa Omaanifi Jabuutii jirantu hordofaa jira jedhu.

Lammileen kunneen karaa seeraan alaa gara Yaman kan seenan yoo ta'u harka hidhattoota waraana biyyattii keessa jiru irratti lolaa jiranii jiru jedhan.

Harka hidhattootaa jiraachuun lammilee kanneenii hiiksisanii gara biyyaa deebisuuf rakkisaa ta'eera kan jedhan ambaasaaddarichi Imbasiiwwan Yaman Jabuutii fi Finfinnee jiran waliin ta'uun yaalaa jirra jedhan.

"Namoonni kunneen gara biyyaa akka deebi'an Dhaabbata Baqattootaa Idil-addunyaa IOM waliin kan hojjennu, kanaaf IOM waliinis mari'annee jirra" jedhu.

Sambata ykn Dilbata irraa eegalee hojii qabatamaatti seenna jedhan ambaasaaddar Abdulaziiz.

Amma duras IOM waliin ta'uun lammilee Itoophiyaa manneen hidhaa Yaman turan 2000 ol gara biyyaatti deebisuu dubbatu.

Lammilee Itoophiyaa 12 Yaman keessatti ajjeefamaniiru odeeffannoo jedhu marsaalee hawaasaa irratti bahaa ture ilaalchisee odeeffannoo argatanii qulqulleeffataa akka jiran himaniiru.

Amma dura odeeffannoo dhagahuu malee wanti mirkaneeffatan akka hin jirre himan.