Finfinnee: "Dhimmi Maastar pilaani yeroo ammatti ajandaa keenya miti"

Maastar pilaanii magaala Finfinnee irratti dokumantiin qophaa'es ta'e leenjiin kenname hin jiru jedhan komishinarri komishinii pilanii fi misooma magaala Finfinnee Obbo Darajjee Fiqaadu.
Maastar pilaanii fi chaartara magaala Finfinnee irratti odeeffannoo tibbana adeemaa jiru ilaalchisun Komishiniin Pilaani fi Misoomaa Magaala Finfinnee fi Manni Murtii Oliyannoo Magaala Finfinnee Ibsa laataniiru.
"Dhimmi Maastar pilaani yeroo ammaatti ajandaa keenya miti" jedhan.
Dokumantiin maastar pilaani bara 2008 mormii uummataan erga hafee booda hin deebine ammas hin ka'u jechuun dubbatan Obbo Darajjeen.
"Maastar pilaanii uummatni uummatni naaf hin taane jedhe irratti fe'uuf kaka'umsa hin qabnu" jechuunis dubbatan.
Dhimma daangaa magaala Finfinnee fi Naannoo Oromiyaa kan gaafataman Komishinarri Komishinii Pilanii fi Misooma Magaalaa Finfinnee Obbo Darajjee Fiqaadu koreen hundeeffame qorannoo taasisaa turuu himan.
"Qorinnichas yeroo dhiyootti akka beeksisu abdiin qaba" jedhan.
Hawaasni odeeffannoo burjaajjesurraa akka of eegu fi waajjiri isaanis odeeffannoo yeroon yeroon akka laatu kan dhaaman Obbo Darajjeen "saba qaanessuf hin hojjennu" jechuunis dubbatan.
Dhimma Chaartaraa…
Maastar pilaaniin wal qabsiisun odeeffannoon chaartarri magaali Finfinnee ittin hoogganamtu jijjiiramuufiu oduun jedhus oduu sobaati kan jedhan immoo pireezidaantii Manni Murtii Oliyannoo Magaala Finfinnee kan ta'an Obbo Tasfaaye Mallasaati.
Isaanis "akka biyyaatti sirna haqaa fooyyessuf hojjetamaa jira. Akka magaala Finfinneettis sirni haqaa bifa kamin yoo kenname gaaridha yaada jedhurraa ka'uun aangoo abbaa seerummaa manneen murtii magaalatti irratti fooyya'iinsa gochuuf wixineen qophaa'era" jedhan.
Wixineen kun falmii jiraattota magaala Finfinnee gidduutti ka'u furuuf malee faayidaa naannoon Oromiyaa magaala Finfinneerraa qabun hidhata kan hin qabne ta'uu dubbatan.
Wixineen keeyyata aangoo abbaa seerummaa magaalichaa qofa irratti xiyyeefate jedhame kunis maastar pilaani walin hidhata akka hin qabne preezidaantin Manni Murtii Oliyannoo Magaala Finfinnee Obbo Tasfaaye Mallasaa himaniiru.
Odeeffannoon miidiyaa hawwaasummaa irratti maastar pilaanin deebi'ee dhufuufi jechuun deemaa jiru odeeffannoo bu'uura hin qabnedha jedhan.













